Tamsaasa Kallatti:

Labsiin Haaromsa Aadaa Oromoo Ifoome

Labsiin Haaromsa Aadaa Oromoo Ifoome

Guraandhala 6/2017(TOI)- Labsiin Haaromsa Aadaa Oromoo Ifoomuun ibsame.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa inisheetiivii haaraa bocuun hojirra oolchaa jiruun ce'uumsa sochii guddinnaa Aadaa fi duudhaa Oromoo bakkatti deebisuuf hojjechaa jiraachiinis ibsameera.

Pireezidaanti Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii sagantaa marii Haaromsa Aadaa Oromoo irratti haasaa taasisaniin, Mootummaan sabboonummaan Oromoo qabatamaan dhimmoota gurguddoo sadiin utubaa jira.

 Haaluma kanaa sabboonummaa Oromoo diingadeen utubuu, barnootaaf teekinooloojiin dabaaluu fi sirna cimaa ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Aadaa fi duudhaa bakkatti deebisuuf paartiin badhaadhinaa yaa'ii 2ffaa yeroo gaggeesse waadaa irraa gara aadeffannaatti jedhuun aadaa fi duudhaa biyya keenyaa olkaasuuf yaadam olaanaa ta'uu kan agarsiisu ta'uu ibsaaniiru.

Akka biyyaattis ta'e akka naannoo Oromiyaatti haaromsa aadaa irratti hojjechuu fi iddoowwan calaqqee Aadaa ta'an misoomaa jiraachuu kan ibsanii, Oromoon sadarkaa Idil Addunyaatti sirna Gadaa bocuun dimokraasii har'aatiif dursee fakkeenya ta'uu himan.

Injiffannoo amma argameen Oromoon aadaa duudhaa fi seenaa isaa gabbifachaa akka jiruu fi haarmsi Aadaa Oromoo gatiin guddaan itti kaffalamuun kan argame ta'uu ibsanii jiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa, Obbo Kaffaaloo Tafarraa gamasaaniin,  ummanni Oromoo saba guddaa Ganfa Afrikaatti Aadaa fi duudhaa fakkeenymmaa olaanaa qabaachuusaa himanii jiru.

Aadaa,duudhaa, safuufi safeeffannaa ummata Oromoo Falaasama sirna gadaa Addunyaaf kan gumaache ta'uu ibsuun haaromsi Aadaa rakkoo hawaas- diingdeef Oromoof fala waaraa ta'uu bira darbee yaada fumaata waloo ta'uu kaasanii jiru.

Hooggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Adde Jamiilaa Simbiruu gamasaaniin, Aadaan keenya eenyummaa keenya waan ta’eef mootummaan jijjiiramaa eenyummaa, fi seeneffama Oromoo bakkatti deebisuuf cichee hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Aadaa Oromoo sirneessuu fi bakkatti deebisuuf haaromsii aadaa Oromoo muteessaa ta'uus himanii ru.

Haaromsa Aadaa Oromoo keessatti akkaataa ce'uumsa siyaasaa, diingadee fi hawaasummaa biyyattiif ooluufi bakka Addunyaa har'aa geesseen gahuuf kan gargaaru ta'uu bira darbee diingdee man-dhalee biyya keenyaas kan ittiin utuban ta'uun eerameera.

Aadaan Oromoo gulantaa isaan malu irraan gahuuf hojjetamaa jiraachuu kan ibsan Adde Jamiilan, Cabiinsa Aadaatiif dawaan haaromsa Aadaa waan ta'eef, kana milkeessuuf hunduu tumsuu akka qabu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015