Bulchiinsa magaalaa Shaggaritti lafti heektaara kuma 42 caalu jallisii boneen misoomaa jira - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsa magaalaa Shaggaritti lafti heektaara kuma 42 caalu jallisii boneen misoomaa jira

Guraandhala 5/2017(TOI)- Bulchiinsa magaalaa Shaggaritti bishaan argamutti fayyadamuun lafti heektaara kuma 42 caalu jallisii boneen misoomaa akka jiru waajjirri misooma jallisii magaalichaa beeksise.
Hoogganaan wajjirichaa obbo Abarraa Caalaa akka ibsanitti, qorannoon qonna magaalaafis ta’e misooma jallisii boneef bishaan dhiheessuu dandeessisu taasifameera.
Akkaataa qormaata taasifameen dandeettii jiru adda baasun bishaan lafa keessaa fi lafarraa dhiheessuun hojiin misooma jallisii jalqabamuusaa dubbataniiru.
Keessumaa kutaa magaalotaa Kuraa Jiddaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii fi Sabbataatti bishaan misooma jallisiif oolu dhihaachuusaa akka fakkeenyaatti eeraniiru.
Haala Kanaan bara bajataa kana bishaan meetir Kuubii miiliyoona 170 dhiheessuun lafti heektaara kuma 42 caalu misoomaa akka jiru beeksisaniiru.
Kanaan dura bulchiinsa magaalichaatti misoomni jallisii bonee akka hinbeekamne yaadachiisanii, erga magaalichi akka haaraatti hundeeffamee asitti qonnaan bultoota leenjisuun hojiitti galamuu dubbataniiru.
Keessumaa boolloo bishaanii qotuun, madda gabbisuun, laggeen maqsuu fi bishaan roobaa kuusuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa turuu himaniiru.
Haala Kanaan waggaatti al sadii oomishuun akka danda’ame dubbataniiru.
Qamadii dabalatee kuduraa fi muduraa jallisii boneen misoomsuun akka danda’ame eeraniiru.