Tamsaasa Kallatti:

Seenaa siyaasa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaaf yaada mandhalee qopheessee kan dhufe Badhaadhina qofa

Amajji 23/2017( TOI) - Seenaa siyaasa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaaf yaada mandhalee qopheessee kan dhufe Paartii Badhaadhina qofaa ta'uu Pirezidaantiin Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad beeksisan.

Sirni banisa yaa'ii idilee 2ffaa Paartii Badhaadhina magaalaa Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti haala ho'aa ta'een geggeeffameera.

Sirna banisa yaa'iichaa irratti haasaa kan taasisaan Pirezidaantiin Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad; Itoophiyaatti seenaan siyaasa Paartii yeroo gabaabaa fi kan waggaa 60 hin guunnedha jedhaniiru.

Jijjirama fiduun yoo gahumsa jijjirama hogganuuf dandeesisu hin uumamne paartii itti fufsiisuun hin danda'amu jedhaniiru.

Kanaaf jijjirama fiduuf jecha rakkoo, hanqinaa fi kufaatii baay'isanii dubbachuu qofaa osoo hin taane yaada furmaatas maddisiisuu kan barbaachisu ta'uu beeksisaniiru.

Seenaa siyaasa Paartii waggaa shantamaa fi jaatamaa qabnu keessatti barsiifanni qabnu kan jibbinu baay'ifnee qeequu, waan diiguu barbaannu ragaa hedduun himachuu irratti kan hundaa'uu malee jijjirama ijaaruu barbaannu irratti hanqina qabna jedhaniiru.

Kanaaf Paartiin Badhaadhinaa adeemsa duubatti hafaa kanaan dura Itoophiyaa keessa ture diiguun yaadama haaraan hojii jijjiramaa itti fufsiiseera jedhaniiru.

Waan diigamuu qabu diiguu qofaa osoo hin taane caalchisanii ijaaruus yaaduu barbaachisa kan jedhan ministirri muimmee doktar Abiy Ahimad; Piyaasaa diiguu qofaa osoo hin taane caalchisanii ijaaruun mallattoo Paartii Badhaadhinaati jedhan.

Muummeen Paartii tokkoo yaada waan ta'eef paartiin siyaasaa yaada ijaarame hin qabne hanga barbaade waan barbaade diiguun jijjirama uumuu danda'us jijjirama hoogganuu yoo hin dandeenyee waan galmaan gahuu barbaade galmaan gahuuf kan rakkatu ta'uu ibsaniiru.

Seenaa siyaasa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaaf yaada mandhalee qopheessee kan dhufe Badhaadhina qofadha jedhaniiru.

Paartichi Itoophiyaadhaaf qoricha fayyisu yaadama Ida'amuu fidus waggoota jahan darban kan himatu malee filannoo yaada biroo fidee namni dhuunfaa, gareenii fi paartiin fide hin jiru jedhaniiru.

Paartileen morkatootaa Itoophiyaa filannoo yaadama haaraa mandhee ta'e yoo dhiheessan Badhaadhinni barachuuf qophii ta'uu himanii; abbootiin siyaasaa fi paartileen siyaasaa yda hin qamne injifannoo yeroo gabaabaa rakkoo yeroo dheeraa kan fidan ta'u jedhaniiru.

Kanaaf paartiin tokko yaadama erga qopheessee booda yaa'ii yaada irratti dhiheesu kan barbaachisa jedhan.

Kaayyoon Paartiin Badhaadhina bifa kanaan Yaa'ii idilee 2ffaa qopheeseefis imaala keessa darbe xumuruun imaara haaraa eegaluuf adeemsaa fi dambiiwwan yaa'ichaan raggaasuufi ta'uu himaniirru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015