Itiyoophiyaan hariiroo Kuubaa waliin qabdu cimsuun itti fufti

Amajjii 23/2017 (TOI)-Itiyoophiyaan hariiroo Kuubaa waliin qabdu cimsuun itti fufti jedhan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Qindeessaan Koree Dhaabbii Hariiroo Alaa fi Dhimma Nageenyaa Doktar Diimaa Nagowoo

Doktar Diimaa Nagoon jila paarlaamaa Kuubaa simatanii waliin mari'ataniiru.

Marii isaaniinis hariiroo ummataa fi paarlaamaa Kuubaa fi Itiyoophiyaa caalaatti kan hojjetan ta'uu himaniiru.

Itiyoophiyaan Paarlaamaan Kuubaa paarlaamaa biyyoota biroo waliin hariiroo qabu cimsachuuf tattaaffii taasisaa jiru akka deeggartu eeraniiru.

Biyyoonni lamaan damee fayyaa, hawaasummaa fi raayyaa ittisaa irratti tumsaa fi hariiroo yeroo dheeraa akka qabanis yaadachiisaniiru.

Kuubaan ogeessota damee fayyaa hedduu Itoophiyaaf leenjisuun tumsa ishee qabdu agarsiisuu ishees eeraniiru.

Itti gaafatamaan jila paarlaamaa Kuubaa Yuudii Maarsees Roodriigeez, Kuubaan tumsa yeroo dheeraa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee akka itti fuftu ibsaniiru.

Odeeffannoon Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irraa argame akka mul'isutti biyyoonni lamaan hariiroo bara dheeraa qaban cimsanii itti fufuuf fedhii akka qaban ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015