Miseensi koree hojii raawwachiiftuu biyyaalessaa paartii ANC Afrikaa Kibbaa Finfinnee galan

Amajji 23/2017 (TOI) - Miseensa koree hojii raawwachiiftuu biyyaalessaa paartii Kongiresii Biyyaalessaa Afrikaa Kibbaa (ANC) kan ta’an Notooluu Kii'eweet Yaa'ii Waliigalaa 2ffaa Paartii Badhaadhina irratti hirmaachuuf Finfinnee galan.

Notooluu Kii'eweet wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministira Daldalaa fi walitti hidhamsa naannaawwa Doktar Kaasahuun Gofee simataniiru.

Yaa'iin Waliigalaa 2ffaa Paartii Badhaadhinaa Amajji 23 hanga 25/ 2017'tti magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama.

Walgahii kana irratti paartiileen obboleeyyaan ta'an biyyoota ollaa 15 fi paartileen obboleeyyanii biyyoota miseensa BRICS irraa 43 ni hirmaatu jedhamee eeggama.

#Oromiyaa #Ethiopian_News_Agency #Ethiopia

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015