Kutaa Magaalaa Furiitti qaama miidhamtoonni carraa hojii uumameef irraa fayyadamoo ta'aa jiru - ENA Afaan Oromoo
Kutaa Magaalaa Furiitti qaama miidhamtoonni carraa hojii uumameef irraa fayyadamoo ta'aa jiru
Amajji 22/2017(TOI) - Magaalaa Shaggar Kutaa magaalaa Furiitti qaama miidhamtoonni carraa hojii uumameefirraa fayyadamoo ta'aa jirachuun himame.
Bulchaan kutaama magaalichaa Dr. Pheexroos Waaqoo; kutaan magaalaa Furii Giddu gala diinagdee fi misoomaa waan taateef qaama miidhamtoonni akkaataa dandeettii isaaniitin carraa hojii jiru irraa dursa fayyadamoo akka ta'aniif hojjetamaa jira jedhaniiru.
Haaluma kanaan kutaa magaalichaatti qaama miidhamtoonni waldaan gurmaa'uun hojii oomisha Dammaa irratti babba'anii hojjecha jiran milkaa'a jirachuu himaniiru.
Waldaaleen kanaafis deeggarsi walitti hidhamiinsa gabaa uumuu taasifama jirachuu himanii; gara fulaa duraattis qaama miidhamtoota baay'inaan hirmaachisuun wantoota barbaachisoo ta'an hundaa guutuun xiyyeeffannoon kan irratti hojjetamu ta'uu eeruu isaanii Odeeffannoo Wajjira Kominikeeshinii Kutaa magaalicharra argame ni mul'isa.