Dhaabbileen Misoomaa Mootummaa gara utubaa milkaa'ina dinagdeetti ce'aniiru

Amajjii 20/2017(TOI) - Dhaabbileen Misoomaa Mootummaa hammattoo bulchiinsaa quubsaa hin taane keessaa bahuun dinagdee Itoophiyaa keessatti gahee ijoo kan bahatanii fi gara filannoo madda faayinaanisii ta'uutti ce'uu isaanii hoji geggeessaan olaanaa Itoophiyaa Invastimanit Hooldinig Doktar Buruuk Taayyee beeksisan.

Dhaabbata invastimantii tarsiimoo mootummaa Itiyoophiyaa ta’uun kan tajaajilu Itiyoophiyaa Invastimantii Hooldingiin kaappitaala hayyamame Birrii biiliyoona 100'n bara 2014 hundeeffame.

Dhaabbatichi dhaabbilee misooma mootummaa 34 of jalaa kan qabuu fi bulchudha.

Giruuppii Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa, Itiyoo-Telekoom, Itiyoophiyaa Poostaa, Korporeeshini Paarkiiwwan Indastirii Itoophiyaa, Humna Elektirikii Itoophiyaa, fi Baankiin misoomaa Itiyoophiyaa dhaabbilee keessa kan eeramanidha.

Hoji gegeessaan olaanaa Itiyoophiyaa Invastimanti Hooldinig Doktar Biruuk Taayyee sagantaa "Ethiopia in Focus" jedhu kan Hoggantuun Pirees Sekreetariyaatii Waajjira Ministira Muummee Billeenii Siyyum qopheesitu irratti dhihaachuun gahee dhaabbatichi guddina dinagdee Itoophiyaa irratti qabu irratti ibsa kennaniiru.

Doktar Biruuk Taayyee akka himanitti; kanaan dura dhaabbileen misooma mootummaa haalli bulchiinsa isaanii akka barbaadamutti milkaa'aa fi bu'a qabeessaa akka hin taane taasisuu qofaa osoo hin taane bulchinsa abbummaa mootummaa kan daangessaan ture jedhaniiru.

Mootummaan jijjiramaa fooyya'insa taasiseen dhaabbanni Itoophiyaa Invastimanit Hooldinig gara hojiitti galuu eeraniiru.

Dhaabbatichi caasaa hoggansa dhaabbileen misoomaa qabeenya tarsiimoo qabanitti fayyadamuun bu’aa qabeessa akka ta'an taasisuu hundeessuun dhaabbatichi mataan isaa gara qaama tarsiimoo irree Invastimantii taasisuu ibsaniiru.

Aksiyoonaa gabaa Paariis irratti Aksiyoona dhaabbilee daldalaa idil-addunyaa irratti invasti gochuun fayyadamummaa diinagdee mirkaneessuuf hojjechaa akka jiran himaniiru.

Kanaanis dhaabbileen misoomaa mootummaa faayinaansii fi bulchiinsaa gahaa ta’uu dhabuu keessaa bahuun diinagdee Itoophiyaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jiru jedhaniiru.

Dhaabbileen kunneen Itiyoophiyaa Invastimanti Hooldinigiin hogganamuun isaanii fedhiin tarsimaawwaa mootummaa akka galma gahu gahee isaa bahaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015