Naannichatti sagantaa Maaddii Guutuun cuuciin lukkuu bal'inaan fayyadamtootaaf akka rabsamuu ta'eera - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti sagantaa Maaddii Guutuun cuuciin lukkuu bal'inaan fayyadamtootaaf akka rabsamuu ta'eera

Amajjii 19/2017 (TOI) - Naannoo Oromiyaatti sagantaa Maaddii Guutuun Cuuciin lukkuu bal'inaan fayyadamtootaaf akka rabsamu dandeesisuusaa Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.
Biiroo Qonnaa Oromiyaatti itti aanaa hogganaa kan ta'an obbo Toleeraa Dabalaa TOI'tti akka himanitti; naannichatti sagantaa Maaddii Guutuun hosiisaa fi oomisha fi oomishitummaa lukkuu foonii guddisuuf hojjetama jira.
Naannichatti jiddugalaawwan oomisha Cuucii afur hundeesuun Cuucii uumamtee guyyaa tokko qonnaan bultootaaf hojiin rabsuu hojjetama turuu himaniiru.
Dhaabbilee dhuunfaa damee kanarratti hojjecha jiran waliin qindaa'uun Cuucii qonnaan bultoota fi kanneen lukkuu horsiisaniif rabsuun danda'amuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan ji'oota jahan darban cuucii miliyoona 46 qonnaan bultoota, waldaalee fi magaalaatti kanneen lukkuu horsiisaniif rabsamuu himaniiru.
Bara 2013 irraa jalqabee haga ammaatti Cuucii lukkuu miliyoona 137 ol ta'us rabsamuu eeraniiru.
Sagantaan Maaddii Guutuu qaala'insa gatii lukkuu fi bu'aa lukkurra ture hi'isuu bira darbee sirna nyaataa cimsuu irrattis bu'aa jajjabeessa fidaa jirachuu Obbo Toleeraan himaniiru.
Gama birootiin dhiheesii nyaata lukkuu fooyyesuuf dhaabbilee nyaata beelladaa qopheessan 70 waliin qindoominaan hojjetama jira jedhaniiru.