Bu’a qabeessummaa fooyya'insa diinagdee gooroo daran guddisuuf qindoominni damee faayinaansii ni cimsama

Amajji 2/2017 (TOI) - Bu’a qabeessummaa fooyya'insa diinagdee gooroo daran guddisuuf qindoominni damee faayinaansii ni cimsama jedhan Ministirri Maallaqaa obbo Ahmad Shidee Waltajjiin marii boorolee faayinaansii, galii, fi Pilaanii Federaalaa fi naannoolee magaalaa Jimmaatti gaggeeffama jira.

Hoggantoonni olaanoo damichaas marii kana irratti hirmaachaa jiru. Waltajjii knarratti kan argaman Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shidee fooyya'insi diinagdee gooroo haala qindoomina qabuun hojiirra oolaa jiraachuu fi bu’a qabeessa ta’ee itti fufaa jiraachuu ibsaniiru.

Kaayyoon marii kanaa inni guddaan sirna faayinaansii ammayyaa fooyya'insa dinagdee gooroo waliin walsimu ijaaruu fi hojii kanaaf kallattii gara fuula duraa kaa’uu akka ta’e eeraniiru.

Bu’a qabeessummaa fooyya'insa dinagdee gooroo daran guddisuuf qindoominni dhaabbilee damee faayinaansii federaalaa fi naannoolee gidduu jiru daran akka cimsamu himaniiru.
 

"Ummataa fi invastaroota waliin qindoominaan hojjechuun galii keenya guddisuu qabna" kan jedhan ministeerichi, kana galmaan ga'uuf dhaabbileen faayinaansii damee federaalaa fi naannoolee qindoominaan waliin hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Keessattuu galii sirnaan walitti qabuu fi galmoota misoomaa qabameefiif oolchuu irraitti qindoominni cimaan akka eegamus ta'uu ibsaniiru.

Waggoota jahan darban guddinni dinagdee fooyya’aa ta’uu hubachiisanii; garuu galiin walitti qabame guddina dinagdee waliin tarkaanfachuu akka hin dandeenye himaniiru.

Sassaabbii galii fi sirna faayinaansii fooyyessuu fi ammayyeessuun diinagdee biyyattii guddisuun hojii tumsa hunda barbaadu ta'uus ibsaniiru.

Waltajjii marii kanarratti fooyya'insa diinagdee hojiirra oolchuu fi sirna faayinaansii ammayyeessuu irratti mari’achuun hojiif kallattii kan kaa’u ta’uus akeekaniiru. #Itoophiyaa #Oromia #dinagdee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015