Tamsaasa Kallatti:

Qabsa'aa gameessi Oromoo Obbo Bulchaa Dammaksaa du'aan boqochuun gadda guddaadha - Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Mudde 28/2017(TOI) - Taatee uumamaa ta’ee namoonni dhalachuu, jiraachuufi du’aan boqochuun waan haaraa miti. Namoonni hedduun garuu dhalatanii ofiif qofa osoo hin taane uummata isaaniif jiraatu.

Galma qabatanii ergamaan masakamanii uummata bara isaanii tajaajiluun kan aja’ibsiifamanis ni jiru. Du’aan Addunyaa kanarraa kan boqotan qabsa'aan gameessi jijjiiramaaf kutannoo qaban obbo Bulchaa Dammaksaa Itoophiyaatti jijjiiramni akka dhufuuf namoota dhiibbaa taasisaa turan keessaa isaan tokko turan.

Obbo Bulchaa Dammaksaa hayyuu damee danagdeen biyya utubaa turaniifi siyaasa Itoophiyaas gama dhaabbatanii taajjabuufi qeequu osoo hin taane itti seenanii karaa nagaa qabsaa'uun gara jijjiiramaatti tarkaanfachiisuu wayya jechuun namoota gumaacha taasisaa turaniifi milkaa'an keessaa isaan tokko turan.
 

Yaadaafi qeeqa sababaawaa dhiyeessuun kan beekaman obbo Bulchaan; beekumsa qaban dhalootaaf dabarsuufis kitaabolii garaa garaa barreessuun ashaaraa isaanii kaa’aniiru.

Jaalalaafi kabaja namoomaaf qabaniin kan beekaman obbo Bulchaan yeroo rakkinaatti Afaan Oromoo dubbachuufi dubbachiisuun hayyuu daandii saaqanidha.

Hayyuu jabaa waan danda’an maraan uummata Oromoofi biyya isaanii tajaajilan, ejjennoo qabatan irratti bifa sababawaa ta’een cichoominaan kan beekaman, ummattoota walitti dhiyeessuuf kan tattaafatan, waan dhugaadha jedhanii itti amanan eessattiyyuu kan dubbatan nama fakkeenyummaa qabanidha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa boqochuu Obbo Bulchaa Dammaksaatti gaddi guddaan kan itti dhagaa'ame ta'uu ibsaa maatiifi firoottan hundaaf jajjabina hawwa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015