Fooyya'insi Dinagdee Gooroo daldala seeraan alaa to’achuu irratti bu’aa qabatamaa fideera - ENA Afaan Oromoo
Fooyya'insi Dinagdee Gooroo daldala seeraan alaa to’achuu irratti bu’aa qabatamaa fideera

Mudde 22/2017 (TOI) - Fooyya'insi dinagdee gooroo daldala seeraan alaa fi kontirobaandii to’achuu irratti bu’aa qabatamaa fiduu Ministirri Daldalaa fi Tumsa naannawwaa doktar Kaasahuun Goofee ibsan.
Yaa’iin Farra Daldala Seeraan Alaa Biyyaalessaa sadaffaa Mana Maree Daldalaa fi Indaastirii Itoophiyaan qophaa’e magaalaa Finfineetti gaggeeffamaa jira.
Ministirri Daldalaa fi tumsa Naannaawwa dokta Kasahuun Goofee yaa'ii kanarratti argamuun haasaa taasisaniin; daldalli seeraan alaa fi kontirobaandiin kufaatii diinagdee biyyattiif sababa ta'uu ibsaniiru.
Mootummaan daldala seeraan alaa fi kontirobaandii damee daldalaa qoraa jiru to’achuuf tattaaffii guddaa taasisaa jira jedhaniiru.
Sirna daldalaa keessatti saamichi galii, nageahee kennuu dhabuu, oomisha dhoksuu, oomishaa irratti waan hin malle dabaluu, gatii dabaluu fi hojiiwwan seeraan alaa biroon mul’achaa akka jiran ibsaniiru.
Daldala galtee fi al-ergii keessatti sochiin kontirobaandii qabeenya mootummaa fi ummataa qisaasessuus eeraniiru.
Daldaltoonni amanamoo sirna daldalaa seera qabeessa hordofanii hojjetan heduun akkuma Itoophiyaa keessa jiran kanneen karaa seeraan alaa guddachuuf tattaaffanis akka jiran eeraniiru.
Hojiin mootummaan ji'oota jahan darban imaammataa fi hojimaata haaraa hojiirra oolchuun hojjeteen daldala seeraan alaa fi kontirobaandii to’achuu irratti bu’aan qabatamaan galmaa'uu ibsaniiru.
Fooyya'insi dinagdee gooroo daldala seeraan alaa to’achuu keessatti bu’aa qabatamaa fideeras jedhaniiru.
Keessattuu hojiirra oolmaa imaammata fooyya'insa diinagdee gooroo hordofuun daldaltoota hojii daldalaa seeraan alaa irratti bobba’an kuma 108 irratti tarkaanfiin akeekkachiisa irraa kaasee hanga itti gaafatamummaa seeraa fudhatamuusaa ibsaniiru.
Fooyya'insi kun qaala’iinsa jireenyaa oomishaalee nyaataa dhibbeentaa 29.2 irraa gara 20 gadiitti hir’isuu danda’uu ibsaniiru.
Bara baajataa 2016tti galiin waggaa al-ergii beeyladaa irraa argame doolaara miiliyoona 18 akka ta’e eeranii; erga fooyyya'inis kun hojiirra ooleen booda ji’oota shan qofa keessatti doolaarri miiliyoona 20 akka argame himaniiru.
Daldalli seeraan alaa beeyladaa, bunaa fi oomishaalee qorichaa irratti raawwatamu diinagdee biyyattii qoraa jirachuu barreessaan olaanaa Mana Maree Daldalaa fi Industirii Itoophiyaa doktar Qananiisaa Lammii ibsaniiru.
Daldalli seeraan alaa misooma biyyaaf balaa ta’uu, galii mootummaa hir’isuu, carraa hojii uumuu hir’isuu, daldaltoota seera qabeessa ta’an gabaa keessaa ari’uus eeraniiru.
Kanaaf mootummaan galii sirnaan walitti qabuun misooma biyyaalessaa akka gaggeessuuf daldala seeraan alaa waliin taanee ittisuu qabna jedhaniiru.