Naannoo Oromiyaa godinaalee saditti biqiltuun baala shaayee bal'inaan qopheeffama hojjetama.

Mudde 21/2017(TOI) - Naannoo Oromiyaa godinaalee saditti biqiltuun baala shaayee bal'inaan qopheeffama jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Godina Jimmaa, Buunnoo Beddellee fi Iluu Abbaa Booraatti biqiltuun baala shaayee qonnaan bultoota, hojjootaa mootummaa fi barattootaa karaa hirmaachiseen hojjettama jirachuu biirichi beeksiseera.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu fi hoggantoonnii hojii mootummaa naannichaa biroon godina Jimmaa aanaa Shaabee Sombootti haala qophii biqiltuu baala shaayee daawwataniiru.

Godinaalee sadanitti bara kana biqiltuu baala shaayee biliyoona tokko qopheesuuf karoorfamee xiyyeeffannoon hojjetama jirachuu hogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu beeksisaniiru.

Kanaan dura bakka mursaa qofaatti misoomaa kan ture baala shaayee kana godinaalee kanatti bal'inaan misoomsuuf hojjetama jirachuu himaniiru.

Kanaaf biqiltuun baala shaayee biliyoonni 1 qophaa'aa jiraachuu himanii; biqiltuun kun lafa heektaara kuma 31 irra ni dhaabama jedhaniiru.

Itti gaafatamaa wajjira qonnaa godina Jimmaa obbo Tijaanii Tamaam gama isaaniin godinichatti bara kana biqiltuu baala shaayee miliyoonni 400 qophaa'aa jiraachuu himaniiru.

Hojii kanaan hanga ammaatti biqiltuun baala shaayee miliyoonni 43 qophaa'uu himanii; karoora qabame milkeesuuf buufataaleen biqiltuu haaraan banamaa jirachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015