''Badhaadhinni Maatii, hundee badhaadhina biyyaati! - ENA Afaan Oromoo
''Badhaadhinni Maatii, hundee badhaadhina biyyaati!
''Badhaadhinni Maatii, hundee badhaadhina biyyaati!
Qabeenya fi humna qabnu hundaa fayyadamnee hiyyummaa injifachuun dirqama. Mootummaanis maraammartoo hiyyummaa keessaa ba’uuf karoora Imala Badhaadhinaa qopheessee hojiitti hiikaa jira.
Qaama imala badhaadhinaa keessaa karoorri badhaadhina maatii tokkodha. Karoorri Badhaadhina Maatii dhimmoota xiyyeeffannoon kennameef sadi jiddugaleessa kan taasifatedha. Kunis: maalan oomisha, meeqan argadha, kanan oomishe irraa hangaman qusadha kan jedhudha.
Qonnaan bulaan galma kana milkeessuuf Ganna Roobaan kan facaase yeroo ammaa sassaabee galchaa jira.
Gama biraatiin, misooma Qamadii dabalatee hojiin misooma waqtii Bonaa xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamuu eeagleera. Kanaaf, gola Oromiyaatti yeroon hunduu yeroo misoomaa ta’aa jira jechuun ni danda’ama.
Muuxannoon misooma Qamadii waqtii Bonaa Qonnaan bultoota hunda biratti babal’achuun imala badhaadhina maatii cimsuu, wabii nyaataa mirkaneessuu fi ala ergii guddisuu keessatti gumaacha guddaa qaba.''