Hojiin Warshaaleen Sibiilaa oomishaalee alaa gala kan biyya keessan bakka buusuurratti hojjecha jiran abdachiisaadha. - ENA Afaan Oromoo
Hojiin Warshaaleen Sibiilaa oomishaalee alaa gala kan biyya keessan bakka buusuurratti hojjecha jiran abdachiisaadha.
Mudde 10/2017(TOI) - Hojiin warshaa sibiilaa Isteelii RMI oomishaalee biyya alaatii galan kan biyya keessaan bakka buusuurratti hojjecha jiru bu’aa jajjabeessaa argamsiisaa jiraachuu Itti aanaan Ministira Muummee FDRI obbo Tamasgeen Xurunee.
Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamsgeen Xurunee magaalaa Bishooftuu qe'ee indastirii sibilaa keessaatti kan argamu warshaa sibiilaa dhuunfaa Isteelii RMI (STEELY RMI P.L.C) jedhamu daawwachuu himaniiru.
Warshichi adeemsa ammayyaa dijitaalaa fi humna haaromaa fayyadamuun kanaan dura gatamaa kan ture sibiila ciccitaa deebisee hojiirra oolchuurratti akka argamu himaniiru.
Kanaanis sibiilota ijaarsaaf oolan adda addaa oomishaa jirachuu kan dinqisiifatamudha jedhaniiru.
Warshaan Sibiila kun oomisha alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuu irratti hojiin hojjetacha jiru jajjabeessa ta'uu argineerra jedhaniiru.
Mootummaan dameen dhuunfaa guddina dinagdee keessatti qooda isaa akka bahatuuf deeggarsa gama liqaa, bu'uuralee misoomaa fi haala mijataa biroo uumuurratti hojii hojjecha jiru cimsee kan itti fufu ta'uu ibsaniiru.