Agarsiifni biyyaalessaa Bunaa fi Mi'eesituu Hawaasaatti baname. - ENA Afaan Oromoo
Agarsiifni biyyaalessaa Bunaa fi Mi'eesituu Hawaasaatti baname.

Mudde 9/2017(TOI) - Agarsiifni biyyaalessaa Bunaa fi Mi'eesituu Hawaasaatti baname.
Agarsiifni kun ''Walitti hidhamissa daldala kallattii milkaa'ina badhaadhina keenyaaf'' mata duree jedhuun har'a kan baname yoo ta'u walitti dhufeenya qonnaan bultoota, dhiheesitoota bunaa fi ala ergitoota jiddu jiru cimsuuf yaadamee kan qophaa'edha jedhameera.
Qonnaan bultoonni, dhiheesitoonni bunaa fi ala ergitoonni naannolee afur irraa walitti dhufan kan lakkoofsaan 300 ta'an oomisha isaanii agarsiisa kanarratti dhiheessaniiru.
Kunis walitti hidhamsa isaanii gara fuula duraattis kan cimsudha jedhameera.
Agarsiifni kun guyyoota sadiif tura jedhameera.