Hiriirri deeggarsa magaalaa Bahirdaari fi Dabramaariqoositti geggeeffama jira

Mudde 9/2017(TOI) - Naannoo Amaaraa Magaalaa Bahirdaari fi Dabramaariqoositti hiriirri deeggarsaa geggeeffama jira.

Magaalaa Bahaardaaritti dargaggoonni, dubartoonnii,hojjetoonni mootummaa fi jiraatonnii magaalichaa biroon dhaadannoo nageenya labsaan qabachuun hiriiricharrtti argamaniiru.

Kanneen hiriira kanarratti hirmaatan naannoo keessa waraana osoo hin taane nagaa fi misoomatu barbaachisa, mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuun lubbu lammilee baraaruu qaba kan jedhanii fi ergaan biroo hiriira kanarratti dabarsaniiru.

Gareen finxaalessi ajjeechaa fi qe'ee isaarra lammilee buqqisuu dhaabuu qaba, aarsaa raayyaan ittisa biyyaa fi qaamoleen nageenyaa naannoo keenyaa kafalaa jiraniif kabajaa guddaa qabna jedhaniiru.

Haaluma walfakaatuun magaalaa Dabramaariqoosittis hiriirri nagaa geggeeffameera.

Hiriira kanarratti kanneen hirmaatanis tarkaanfii mootummaa nageenya kabachiisuuf fudhatu ni deeggarra mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuun yakkamtoota seeraatti dhiheesuu qaba kan jedhanii fi dhaadannoowwan biroo qabatanii bahaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015