Tamsaasa Kallatti:

Imala mareefi marabbaan nagaa waaressuuf eegalleen injifannoon waloo galmaa’aa jira

Sadaasa 29/2017 (TOI) - Imala maree fi marabbaan nagaa waaressuuf eegalameen injifannoon waloo galmaa’aa jira jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis ergaa baga guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa geessanii dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

Itoophiyaan biyya guddoo seenaa ijaarsa biyyaa waggoota hedduu qabdu biyya heddumina qabaachuun bu’uureeffamteedha.

Biyyi gootummaafi heddumina qabaachuun beekamtu kun sirna ijaarsa biyyaa seenessa qeenxee keessummeesse hojiirra oolchuu isheetiin daneessummaan sabootaa kabaja osoo hin argatiin bubbule.

Kunis Seenessi qeenxee akka babal’atu taasisuun uummattoota jidduutti hariiroo gaariin akka hin uumamne, walitti bu’insiifi hokkorri akka babal’atu dirqisiisuun ijaarsi biyyaas osoo hin xumuramiin rarra’ee akka hafu taasise.

Murni gita bittaas carraa argatetti fayyadamee sabdaneessummaa kabaja dhorkee sirni qeenxee akka ijaaramu taasiseera.

Mirgoonni namummaafi dimokiraasiis sarbaman. Kun ammoo qabsoon akka dhalatuufi golee hundattis babal’achuun sirni qeenxee akka jiguuf bu’uura buuseera.

Qabsoo Saboota, Sablammootaafi Uummattootni Itoophiyaa taasisaa turaniifi wareegama qaqqaalii kaffalaniinis caaseffamni mootummaa Federaalawaa hiree ofiin of bulchuu sabootaafi sablammootaaf wabummaa kenne hundaa’ee Heerri Mootummaa FDRI Sadaasa, 29/1987 ragga’e.

Heerri FDRI ragga’es dhugaa Sabdaneessummaa Itoophiyaatti ulfina kan hore murannoo akka biyyaatti sirna Federaalizimii sabdaneessaa bu’uura qabsiisuun tokkummaa, walqixxummaa, mirga ofiin of bulchuufi dimokiraasii ijaaruuf qabnuuf wabummaa kan kenne ture.

Haata’u malee hojiirra oolmaa isaa irratti qaawwii guddaan uumamuu isaatiin dambaliin uummattootaa irra deebiin uumamee bara 2010 mootummaan jijjiiramaa akka dhalatu taasise.

Barii jijjiiramaa irraa eegaluunis hanqinoota turan furuun mootummaa cimaafi biyya jabduu badhaadhina milkeessite galmaan ga’uuf rifoormii jajjabaan hojiirra oolfamee milkaa’innis argamaa jira.

Galmi keenya biyya waloo hundaaf taatu hunda fakkaattuufi hunda qixa tajaajiltu hundarraa hundaan hundaaf madaala sabboonummaa sabummaafi tokkummaa biyyaalessaa karaa eegeen Itoophiyaa haaraa ijaaruudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa galma kana milkeessuuf naannoolee obbolaafi mootummaa Federaalaa waliin kutannoon hojjechaa jira.

Erga Heerri keenya sabdaneessummaa olkaasee gaaffii mirga ofiin of bulchuu uummattootaa raggaasisee as guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa marsaa 19ffaaf waloon kabajanneerra; kabajachaas jirra. Kanaanis sirni qeenxee waggootaaf ijaaramaa dhufe deebi’ee akka hin kaanetti cabeera; leellistootni sirnichaas sadarkaa dhiibbaa geessisuu hin dandeenye irraan ga’uuf kutannoon hojjetamaa jira.

Uummanni naannoofi biyya keenyaa hundi baga guyyaa seena qabeessa kana geessan; baga waliin geenye jechuun barabaada.

Kuufama qormaatotaa keessa jirru hundaaf furmaatni waaraan humna Qawwee osoo hin taane mareefi marabbaa; fincilaafi hokkora osoo hin taane filmaata olaantummaa yaadaaf bakka kennuutti amanna. Dallaa jibbiinsaa diignee riqichi jaalalaa ijaarrus gaaddisa sabdaneessummaafi walqixxummaa jalatti ta'uu hunduu hubachuu qaba.

Mareen araara biyyaalessaa jalqabamee jirus rakkoo keenya hundaaf furmaata waaraa waan ta'eef harki hunduu qajeelummaa kanaaf diriiruufi lammiin hunduu ergama guddaa kanaaf ba’achuun murteessaadha.

Biyya sagaleen Qawwee keessatti hin dhaga’amne, walqixxummaan keessatti mirkanaa’eefi sirna dimokiraasii bu’uureeffatte ijaaruuf dhaloota kanarraa imaanaa guddaatu eegama. Madaa kaleessaa hooquu, boo’uufi boochisuun egeree gaarii ijaaruu hin dandeenyu; gaaddisa mareetti deebinee uummata keenya boqochiisuufi egeree keenyaaf dhaloota ijaaruu qabna.

Kanaafis imala nagaa waaressuufi biyya bu’uureessuu eegalameen naannoo keenyatti garaagarummaa jiru mareen furuuf Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Qondaaltota Waraana Bilisummaa Oromoo jidduutti waliigalteen nagaa mallatteeffame

boqonnaa haaraa saaquu danda’eera.

Waliigaltee nagaa boodas humni waraanaa bosona jiru kumaatamaan galaa jiraachuun fedhii nagaa qabaachuufi waamicha uummanni taasise dhaga’uu danda’uu kan mul’isedha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa tarkaanfii Qondaaltonni Waraana Bilisummaa Oromoo waamicha uummataafi mootummaa fudhachuun kutannoo nagaaf qaban gochaan mul’isuu isaaniif galateeffachuun barbaada.

Isaan yoomiyyuu gootota nagaa uummataa mirkaneessuufi imimmaan uummataa haquuf murtee seena qabeessa murteessan ta’anii yeroo hunda yaadatamu.

Ammas dachee Oromiyaa irratti sagaleen Qawwee akka hin dhaga’amne taasisuu qabna.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015