Ayyaanni guyyaa Sabootaa, Sablammootaa fi ummattootaa naannoo Sidaamaatti kabajamaa jira

Sadaasa 23/2017 (TOI)- Ayyaanni guyyaa Sabootaa, Sablammootaa fi ummattootaa 19ffaan naannoo Sidaamaatti kabajamaa jira.

Ayyaanni kun mata duree “waliigalteen biyyaalessaa tokkummaa sabdaneessummaa” jedhuun sadarkaa naannoo Sidaamaatti kabajamaa jira.

Ayyaanni kun Kanaan dura naannicha gandarraa eegalee sagantaalee garagaraatiin kabajamaa turuunsaa niyaadatama.

Har’a kan kabajame sagantaa xumuraa yoo ta’u bulchaan naannichaa obbo Dastaa Leedaamoo akkasumas af-yaa’iin mana maree naannichaa adde Faantaayee Kabbadaa dabalatee hooggantoonni olaanoo fi kutaaleen hawaasaa garagaraa hirmaachaa jiru.

Qaamolee ayyaanni kun sagantaalee garagaraan akka kabajamu gumaacha taasisaniif manni maree naannichaa beekamtii nikennaaf jedhameetu eegama.

Kana malees harka qalleeyyiif sagantaa nyaata sooruu akka taasifamu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015