Guyyaan idil addunyaa qaama miidhamtoota magaalaa Hawaasaatti kabajama. - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan idil addunyaa qaama miidhamtoota magaalaa Hawaasaatti kabajama.
Sadaasa 20/2017(TOI) - Guyyaan idil addunyaa qaama miidhamtoota magaalaa Hawaasaatti kabajama.
Guyyaa kana sagantaa adda addaan kabajuuf qophiin dursaa taasifama jirachuun himameera.
Haala kabaja guyyaa kana ilaalchisuun Ministir Deetaan Ministira Dhimma Dubartootaa fi hawaasummaa Hurriyaa Alii miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Ibsa isaanii Guyyaan qaama midhamtoota idil addunyaa bara kanaa sadaasa 24/2017 magaalaa Hawaasaatti akka kabajamu eeranii; guyyicha karaa milkaa'a ta'een kabachuuf qophiin dursaa adda addaa taasifama jirachuu eeraniiru.
Akka biyyatti mirka qaama miidhamtoota kabachiisuu fi fayyadamummaan isaanii karaa hunda galeessa ta'een akka eeggamu xiyyeeffannoon hojjetama jirachuu ibsaniiru.
Hoggantuun Biiroo dhimma dubartootaa, daa'immanii fi hawaasummaa naannoo Sidaamaa aadde Immabeet Isaayyaas gama isaaniin; guyyaa idil addunyaa qaama miidhamtoota naannichatti kabajamu sagantaa adda addaan karaa milkaa'a ta'e kabajuuf qophiin barbaachisaan taasifameera jedhaniiru.
Guyyaan kun sagantaa adda addaan akka kabajamu eeranii; kanaafis mootummaan naannichaa fi bulchiinsi magaalaa Hawaasaa qophii isaanii xumuruu himaniiru.
Jala bultii guyyaa kaba ayyaanichaatti dorgammiiwwan ispoortii qaama miidhamtootaa fi hawaasa hirmaachisu akkasuma agarsiifni hojii kanalaa kan geggeeffamu ta'uu ibsaniiru.
Guyyaan idil addunyaa qaama miidhamtoota akka Itoophiyaatti bara kana yeroo 32ffaaf kabajama.