Haalli amma Itioophiyaan keessa jiru guddina saffisaati malee seenaa beelaa miiliyoononni itti dhumanii miti-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Haalli amma Itioophiyaan keessa jiru guddina saffisaati malee seenaa beelaa miiliyoononni itti dhumanii miti-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Sadaasa 17/2017 (TOI)-Ministirri muummee Dr. Abiy Ahimad dhugaan amma Itiyoophiyaa keessa jirtu seenaa hongee miliyoononni itti dhuman osoo hin taane, fakkeenya guddina ariifataa ta’uu ibsaniiru
Muuziqaan ‘Do they know its Christmas? ‘ bara 1977 Itiyoophiyaatti lammiilee ongeen miidhamaniif deeggarsi itti walitti qabame yeroo ammaa deebi’ee gadi lakkifamuunsaa imala misoomaa Biyyattiin amma itti jirtu kan hinhubanne seenesa maqaa balleessii ta’uusaa ibsaniiru.
Meziqaan Ayyaana Qillee isaa ni beeku? irra deebiin gad lakkifamuun isaa seeneffama imala misoomaa Itiyoophiyaan amma irra jirtu kan hin ilaalle ta'uus ibsaniiru.
Miidhaa bal'aa bara 1977 Itiyoophiyaa keessatti miidhaa ongeen geessiserraa ka’uun muuziqeessaan lammii Ayerlaand Boob Giildoof fi muuziqeessitoonni biroon muuziqaa ‘Do they know its Christmas?’ jedhu Itiyoophiyaaf deeggarsa walitti qabuuf dandeessisu taphachuun deeggarsa guddaa walitti qabaniiru.
Waggaa 40ffaan muuziqaa kanaa bara kana kan kabajame yoo ta'u, muuziqaan yeroo sanatti hojjetame irra deebiin gadhiifameera.
Gaazexaan "The Times" akka gabaasetti Ministirri muummee Dr. Abiy Ahmad waggaan 40ffaa muuziqaa kanaa wayita yaadatamu Muuziqaan kun irra deebiin gadhiifamuun isaa bu'aa caalaa miidhaa guddaa akka qabu dubbataniiru.
Ministirri Muummee Itiyoophiyaan akka muuziqaa kana keessatti ibsametti osoo hin taane, guddina ariifataa keessa akka jirtu ibsaniiru.
Hojiin yeroo sanatti muuziqeessitoonni hojjetan kan galateeffamu taʼus, muuziqaan sun yeroo harʼaa wajjin wal hin simne taʼuunsaa faayidaa caalaa miidhaansaa akka caalu ibsaniiru.
Muuziqaan kun haala amma Itoophiyaa keessa jirtu salphisuu fi seeneffama namummaa dhabsiisu of keessaa qaba jedheera.
Itiyoophiyaan dinagdee saffisaan guddachaa jiru, bakkeewwan turizimii seena qabeessa iddoowwan daawwatamuu qaban keessaa tokko ta’uu akkasumas biyya Afrikaa keessatti hidha humna ibsaa maddisiisuu guddicha ijaaraa jirtu ta’uun osoo beekamtee bu’aa qabeessa ta’a jedhaniiru.
Muuziqaan kun invastimantii yeroo ammaa barbaannuuf gatii hin qabu, ongeen akka ardiittis ta’e akka biyyaatti nu hin ibsu jedhan.
Ministirri Muummee Itiyoophiyaan kana booda beelaan akka hin beekamne ibsaniiru.
Tarkaanfiiwwan Ityoophiyaa keessatti damee qonnaa fi dameewwan biroo irratti fudhatamaa jiran hongeen deebi’ee akka hin mudanne kan taasisu ta’uus eeraniiru.
Itiyoophiyaan qamadiidhaan of dandeesseetti, Oomishaalee biroo oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf dandeesseetti jedhan.
Ityoophiyaan yeroo ammaa damee qonnaa irratti warraaqsa Afrikaa keessatti kaafamuu danda’u geggeessaa jirti jedhan.
Muuziqaan kun karaa addaddaa qeeqamaa akka jiru gaazexaan "The Times" gabaaseera.
Bara 2014 yeroo muuziqaan kun irra deebiin hojjetame, lammii Ingilizii Iid Shiiraan artistoota muuziqaa kana irratti hirmaatan keessaa tokko ture.
Haa ta'u malee, yeroo sanatti muuziqaan kun haala yeroo ammaa Afrikaa keessa jiru hin ibsu jechuun qeeqa ka'aa tureen muuziqaa kanarratti osoon hin hirmaanne ta’ee jechuunsa gabaasa kana keessatti eerameera.
Muuziqeessaa lammii Gaanaa kan maqaan waltajjii isaa Fuss O Dii jii Jechoonni muuziqaa kana keessatti fayyadaman waa’ee Afrikaa ergaa gadhee akka qaban eereera
Kunis misooma Afriikaa, guddina turizimii fi invastimantii niquucarsa jedheera.
Ergaa kana miidiyaa hawaasaa irratti kan qoode yoo ta'u, muuziqeessaan beekamaan Iid Shiiraan ergaa kanas qooddateera.