Tamsaasa Kallatti:

Hawaasni miidhaa saalaa dubartootarra gahu ittisuuf qinndaa’ee ittigafatamasaa bahuu qaba-Ministeericha

Sadaasa 16/2017(TOI)- Hawaasni miidhaa saalaa dubartootarra gahu ittisuuf qinndaa’ee ittigafatamasaa bahuu akka qabu ministeerri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa ibse.

Guyyaan farra miidhaa saalaa idil addunyaa mata duree “ Miidhaan  dubartii miidhaa kooti, hincallisu” jedhuun bulchiinsa Dirree Dawaatti kabajamaa jira.

Ministirri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfaayee, Ittaantuun af-yaa’ii mana marii federeeshinii fi pirezidaantiin liigii dubartootaa paartii badhaadhinaa adde Zahaaraa Umad, af-yaa’iin mana marii bulchiinsa Dirree Dawaa adde Fahiyaa Aden, hooggantoonnii fi qoodafidhattoonni federaalaa fi naannolee saktarichaa ayyaanicharratti hirmaachaa jiru.

Ministeera dubartootaa fi dhimma hawaasummaatti hojii raawwachiiftuun hariiroo ummataa fi komunukeeshinii adde Hareguwaa Maammoo TOIf akka ibsanitti, miidhaa saalaa dubartootaa ittisuun hojii dhaabbata tokkoo qofa osoo hinta’iin ittigaafatama lammii hundaati jedhaniiru.

Hojiileen rakkoo kana ittisuuf hojjetamaa jiran jijjiirama fidaa jiratanis ammallee tumsa qindoominaa barbaada jedhaniiru.

Guyyaan miidhaa farraa saalaa akka addunyaatti yeroo 33ffaa biyya keenyatti yeroo 19ffaaf Dirree Dawaatti kabajamaa jira.

Ayyaanni Dirree Dawaatti kabajamu kun akka biyyaalessaatti amma Mudde 1 bara 2017tti akka ittifufu sagantaa baherraa beekuun danda’ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015