Inisheetiviin Maaddii Guutuu bu'uura kallatti karoorsineen karaa milkaa'a ta'e hojiirra oolaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Inisheetiviin Maaddii Guutuu bu'uura kallatti karoorsineen karaa milkaa'a ta'e hojiirra oolaa jira.

Sadaasa 9/2017(TOI) - Inisheetiviin Maaddii Guutuu bu'uura kallatti karoorsineen karaa milkaa'a ta'e hojiirra oolaa jira jedhan Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunee.
Obbo Tamsgeen Xurunee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin; Oomisha nyaatamu gahaa oomishuu fi sirna wabii nyaataa madaalaa mirkaneesuuf damee hundarratti hojiiwwan hojjetama jiran kan jajjabeeffamanidha.
Jiddugallii oomisha buuphaa fi lukkuu Dabra Holaanid magaalaa Dabrabiraanitti daawaanne hojiiwwan akka biyyaatti karoorfaman galmaan gahuuf kan gargaarudha jedhaniiru.
Jiddugalichi guyyaatti buudhaa kuma 90 oomishaa jiraachuun isaa immoo oomishinni gahaan gabaaf akka dhihaatuu fi gatii madaalawwan fayyadamtootaaf akka dhihaatuufs gahee olaanaa bahachaa jiraachuu eeraniiru.
Dureeyyoonni biyya alaa hojii maaddii guutuu irratti hirmaatanii arguun keenya inisheetivichi invastimantiif mijataa akka ta'e kan mirkaneesudhas jedhaniiru.