Qe'een Benuunaa sosochii turizimii Itoophiyaaf humna guddaa kan uumu bakka baay'ee miidhagaadha. - ENA Afaan Oromoo
Qe'een Benuunaa sosochii turizimii Itoophiyaaf humna guddaa kan uumu bakka baay'ee miidhagaadha.
Sadaasa 2/2017(TOI) - Qe'een Benuunaa sosochii turizimii Itoophiyaaf humna guddaa kan uumu bakka baay'ee miidhagaa ta'uu Baankii Addunyaatti daarektarri olaantuu Eritiriyaa, Itoophiyaa, Sudaan Kibbaa fi Sudaan Maaryaam Saaliim beeksisan.
Qe'een Benuunaa qarqara haroo Basaqaatti manneen ciisichaa ammayyaa, galma walga'ii, Man cinimaa, bakka bashananaa akkasuma bakka misoomaa fuduraa fi maaddii guutuu of keessaatti qabachuun kan ijaarame eebbifameera.
Ijaarsi manneen qe'ee kanaa haala ijaara manneen aadaa kan ammayyaa waliin qindeesuun kan ijaarameefi naannawwichatti bakka hawwata turizimii dabalataa kan uumedha.
Sirna eebba qe'ee kanarratti kan argaman Baankii Addunyaatti daarekatarri olaantuu Eritiriyaa, Itoophiyaa, Sudaan Kibbaa fi Sudaan Maariyaam Saaliim Qe'een Benuunaa bakka hawwata turizimii ajaa'ibaati jedhaniiru.
Ijaarsi qe'ee Benunaa fi haalli qileensa gaariin naannawwicha jiru humna qabeenya cimaa uumuu himaniiru.
Haala mijataa kana irraa gammachuu argachuuf gara fuula duratti maatii isaanii waliin bashananuu akka dhufan beeksisaniiru.
Misoomni qe'ee Benuunaa haalli itti hojjetame kanneen bashananuu barbaadaniif haala mijataa kan uumee bakka baay'ee miidhagaadha jedhaniiru.
Dabalataan naannawwii qonna fuduraalee fi muduraaleef mijataa ta'uu hubachuu isaanii eeraniiru.
Kanaanis hojiiwwan misoomaa madda galii lammilee dabaluuf akkasuma guddina dinagdee biyyaaf olaan hojjetama jirachuu hubachuu himaniiru.
Qe'een Benuunaa misoomnii Burtukaanaa, loomii, paappayyee fi maangoo akkasuma lukkuu, Gaala, horsiisa re'ee fi beelladaa bakka tokkotti qabachuun kan ijaarame ta'uu himanii kunis kan irraa baratamudha jedhaniiru.
Ijaarsi Qe'ee Benuunaa tumsa mootummaa Itoophiyaa, damee dhuunfaa fi mootummaa Immireetoota Araba Gamtoomaniin kan ijaarame yoo ta'u Hoteelli Iskaaylaayit immoo ni bulcha jedhameera.