Tamsaasa Kallatti:

Guyyaan Soboota, Sablamootaa fi Uummatoota Itoophiyaa kabajamuun sirna federalaa bu'uura gaariirra dhaabuuf gaheen qabu guddaadha.

Sadaaasa 2/2017(TOI) - Guyyaan Soboota, Sablamootaa fi Uummatoota Itoophiyaa kabajamuun walitti dhufeenyaa fi michummaa uumuun sirni federalaa bu'uura gaariirra akka dhaabatu gaheen qabu guddaa ta'uu Af-yaa'iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyoow Tashaagar himan.

Guyyaan Saboota, Sablamootaa fi Uummatoota Itoophiyaa 19ffaan mata duree '' Waliigaltee Biyyaaleessaa tokkummaa sabadaneesuummaaf'' jedhuun kan geggeeffamu yoo ta'u mata duree kabajaa kanarratti kaleessa Finfinneetti mari'atameera.

Waltajjii kanarratti af-yaa'iiiwwan, bulchiinsoonni magaalaa, hoggantoonni biiroolee Komonikeshinii, hoggantoonni dhaabbilee miidiyaa fi kanneen waamichi taasisfameef hirmaataniiru.

Walatajjii kanarratti af-yaa'iin mana maree federeeshinii obbo Aganyoow Tashaagar; Guyyaan saboota, sabalaoomataa fi uummatoota Itoophiyaa waggoota 18 darban qindeesummaa mana maree federeshinii fi keessummeesuummaa bulchiinsoota magaalotaan kabajamaa tureera jedhaniiru.

Kunis uummani walooma fi tokkummaa waggoota hedduuf qabaachaa ture caalaatti akka cimsatu, garaagarumma caalaa tokkummaa isaa akka leellisuu hojiin dandeesisan hojjetameera jedhaniiru.

Heeraa mootummaa fi sirna federaalaa irrattis hubannoon gahan akka jiraatu hojiin gama kanaan hojjetamuun bu'aan gaariin irraa argameera jedhaniiru.

Ayyaanichi uummatoonni walii walii isaanii akka baranii fi tokkummaa fi nageenya isaanii waloon akka eeggatan, bu'uuraleen misoomaa fi invesitimantiin akka si'atan, hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa akka galma yaadame gahuuf sosochii uummataa uumuu keessatti gahee olaanaa baheera jedhaniiru.

Guyyaan saboota, sablamootaa fi uummatoota Itoophiyaa kan bara kanaa naannoo Kibbaa Itoophiyaa magaalaa Arbaa Miniicitti kan kabajamu ta'uu eeraniru.

Tokkummaan sabdaleesummaa osoo waliigalteen biyyaalessaa hin jiratiin waaraa ta'uu akka hin dandeenye himanii; waliigalteen biyyaaleessa tokkummaa sabdaneesuummaaf bu'uura ta'uu himaniiru.

 

 

 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015