Daandiin Qilleensa Itoophiyaa karaa Singaapoor Afrikaa Eshiyaa fi Awurooppaa walqunnamsiisuu keessatti gahee olaanaa bahaa jira.

Onkoloolessa 28/2017(TOI) - Daandiin Qilleensa Itoophiyaa karaa Singaapoor Afrikaa Eshiyaa fi Awurooppaa walqunnamsiisuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu daandii qilleensichaatti hogganaan naannawwaa Singaapoor, Awustiraaliyaa fi Niwuzlaanid Taliilaa Dheeressaa beeksisan.

Daandiin xiyyaarichaa hariiroo daldalaa, imalaafi aadaa akka cimu gahee olaanaa bahachaa jiraachuus ibsaniiru.

Singaapoorittii Biiroon Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kaleessa galgala ejentootaa imalaafi fe’umsaan bu’aa olaanaa galmeessaniif beekamtii kenneera.

Sagantaan Singaapooritti geggeeffame kanarratti daandiin qilleensichaa akka Singaapooritti milkaa'uf kanneen gumaacha olaanaa bahaniif beekamtii kunnuu Taliilaa Dheereessa himaniiru.

Ejentoonni beekamtiin kennameef kunneen tajaajila imalaa, fe’umsaa, turizimii, fi sochii hawaasummaa fi dinagdee si'eesuu fi mijeessuu keessatti gahee olaanaa bahachuu isaanii himaniiru.

Kunis sararri daandii Singaapoor bu'a qabeessaa fi daandii qilleensaa Eeshiyaa keessaa milkaa'aa akka ta'u isa taasiseera jedhaniiru.

Milkaa’inni kun deeggarsa fi gumaacha michootan kan argame waan ta'eef Ejentoota hojii kanarratti hirmatan galateeffataniiru.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Finfineedhaa gara Singaapoor kallattiin balalii akka qabu yaadachiisanii; kunis walitti dhufeenya jiru cimsuun walitti dhifeenyi daldalaa fi aadaa akka guddatu gargaareera jedhaniiru.

Daandiin Qilleensichaa tajaajila hunda galeessa Afrikaadhaa gara Eshiyaa fi Awurooppaa akkasuma Eshiyaadhaa gara Awurooppaa dhiheessa jirachuu himaniiru.

Daandii Qilleensaa Itoophiyaatti hogganaan "ET Holiday" Firhiwoot Mokonniin gama idsaaniin; Giddugalli Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Singaapoor qooda fudhattoota adda addaa waliin hariiroo cimaa qaba jedhaniiru.

Akka fakkenyaattis dhaabbilee daawwachiiftota, bakka bu'oota imaalaa, ejentoota kaargoo(Fe'umsaa) eeraniiru.

Kanaaf immoo gabaan Singaapoor guddachaa akka jiru eeranii, michoonni hojii kunneen galateeffatamuu qabu jedhaniiru.

Beekkamtiin michoota kanaaf kenname kun gara fuulduraattis daandiin xiyyaarichaa waliin hojii bu’a qabeessa ta’ee akka hojjetan kan isaan taasisu ta'uu eeraniiru.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa dhaabbata Afrikaa addunyaa waliin walqunnamsiisu keessatti adda duree ta'edha jedhaniiru.

Imaltoonni, ejentoonni imalaafi fe’umsaa sagantaa kanarratti argaman tajaajila daandiin xiyyaarichaa kennutti gammaduu isaanii eeruun; walta’iinsa daandiin xiyyaara Itoophiyaa waliin qaban cimsanii kan itti fufan ta'uu beeksisaniiru.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa xiyyaarota 124 bituuf ajajuu Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad dhihenya ifoomsuun ni yaadatama.

Kunis daandiin qilleensichaa imaala milkaa'ina ariifachiisaarra jirachuu kan mul'isu ta'uu beeksisanii turan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015