Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa haaromsa masaraa mootumma Mootii Faasil daawwachuuf magaalaa Gondor dhaqan

Onkoloolessa 23/2017(TOI)-Gareen hooggansaa ministira Turizimii Salaamaawiit kaasaan durfamusuphaa hambaa masaraa mootummaa mootii Faasil  fi pirojektoota biroo daawwachuuf magaalaa Gondaritti argameera.

Hooggantoonni kunneen magaalaa Gondar wayita gahan dursaan kantiibaa magaalichaa Chaalaachoo Daanyewu buufata Xiyyaaraa Mootii Tewoodiroositti argamuun simataniiru.

Gareen jilaa hojiilee misoomaa mootummaa federaalaan magaalaa Gondaritti argamu, suphaa hambaa mootummaa mootii Faasil fi bakkeewwan hawattoota turizimii nidaawwatu jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015