Ministirri Muummee FDRI dokta Abiy Ahimad gaaffiilee miseensoota mana maree bakka bu'ootarra dhihaataniif deebii fi ibsa kennaan keessaa dhimmoota ijoo

Ministirri Muummee FDRI dokta Abiy Ahimad gaaffiilee miseensoota mana maree bakka bu'ootarra dhihaataniif deebii fi ibsa kennaan keessaa dhimmoota ijoo

👉 Bara bajataa 2016 Itoophiyaatti guddinni dinagdee dhibbeentaan 8.1 galmaa'eera.

👉 Kunis sadarkaa idil addunyaatti milkaa'ina guddadha. Bara bajataa kana guddinni dinagdee dhibbeentaan 8.4 akka galmaa'uu ni eeggama.

👉 Guddina kana keessaa dhibbeentaan 6.1 damee qonnaan akka galmaa'uu yoo ta'u bara kana lafa heekataara miliyoona 30 qotuun callaan kumtaalli biliyoonni 1.4 irraa walitti qabama jedhamee eeggama.

👉 Riifoormiiwwaan damee adda addaan hojjechaa jirru xummurree sadarkaa biyyaatti boqonnaa jalqabaa gara guddinaatti cee'urra jirra.

👉 Kanaaf bara 2017 damee hundaan jijjirama qabatamaa kan itti galmeesinudha.

👉 Kanaaf ilaalcha kaleessaa keessaa bahuun waloon gara boruutti ce'uu qabna.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015