Itoophiyaa fi Jarman waliigaltee deeggarsa Yuuroo miiliyoona 30 mallatteessan - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaa fi Jarman waliigaltee deeggarsa Yuuroo miiliyoona 30 mallatteessan

Onkolooless 20/2017 (TOI) Itoophiyaa fi Jarmaniin oomishtummaa qonnaa fi damee dhuunfaa guddisuuf waliigaltee gargaarsaa Yuuroo miiliyoona 30 mallatteessan.
Waliigalticha Ministir Deetaa Ministira Maallaqaa Sameertaa Sawaasaaw, Ofiisara olaanaa faayinaansii Baankii Misooma KFW Jarmanii Beerin Loween fi Afrikaa bahaatti Daarektarri baankichaa Kirstoofeer Tiskeenis mallateessaniiru.
Waliigalteewwan deeggarsaa kunneenis karaa innoveshiiniin oomishtummaa qonnaa guddisuu fi dandeettii damee hojii dhuunfaa Itoophiyaa cimsuu irratti kan xiyyeeffatedha jedhamera.
Pirojektiin Oomishtummaa Qonnaa guddisuu marsaa lammaffaa irra kan jiru yoo ta’u, faayinaansii liiziitiin makaanaayizeeshinii qonnaa guddisuu irratti xiyyeeffata jedhamera.
Fooyya’iinsi qaqqabummaa faayinaansii intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddu galeessaa piroojektii guddina damee hojii dhuunfaatiin kan raawwatamu ta’uun ibsameera.
Baankiin Misooma KFW karaa Ministira Tumsa Diinagdee fi Misooma Jarmaniin haga ammaatti pirojektoota misoomaa Itoophiyaaf deeggarsa Yuuroo biiliyoona tokkoo ol taasiseera.
Ofiisarri faayinaansii baankichaa Beerin Loween deeggarsi kun Jarman misooma itti fufiinsa qabuu Itoophiyaa fi lammiilee ishee humneessuuf kutannoo cimaa qabaachuu ishee kan agarsiisudha jedhaniiru.
Bu’uurri faayinaansii kun mootummaan Jarman karoora mootummaan Itoophiyaan bara 2030'tti biyya galii giddu galeessaa qabdu taasisuu karoorfatee milkeesuu fi ce’umsa diinagdee damee dhuunfaatiin hoogganamu deeggaruuf baase keessaa tokko ta’uu odeeffannoon Ministeera Maallaqaa irraa argame ni mul’isa.