Manni maree bakka bu’oota ummataa har’a walgahii idiee nitaa’a - ENA Afaan Oromoo
Manni maree bakka bu’oota ummataa har’a walgahii idiee nitaa’a

Onkoloolessa 19/2017(TOI)- Manni maree bakka bu’oota ummataa har’a walgahii idiee 2ffaa bara hojii 4ffaa nitaa’a.
Manni marichaa walgahiisaatiin, qaboo yaa’ii walgahii idilee 1ffaa bara hojii 4ffaa qoratee akka raggaasu ibsameera.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee haasawa baniinsaa manneen maree bakka bu’oota ummataa fi mana maree federeeshiniif taasusan ilaalchisee deeggarsa mooshinii dhaggeeffachuu fi muudama ministirootaa ilaalee niraggaasa jedhameetu eegama.
Manni marichaa walgahii har’aatiin wixinee labsii lafa magaalaa liiziin qabachuuf dhihaate, wixinee labsii qabiyyee lafa magaalaa fi qabeenya lafaan walqabate dhihaate fi wixinee labsii barnoota waliigalaa ilaalee koree dhaabbataa dhimmi ilaaluuf niqajeelcha.
Dabalataanis wixinee labsii fooyyessa miidiyaalee ilaalee koree dhaabbataa dhimmi ilaaluuf niqajeelcha jedhamee akka eegamu odeeffannoon mana mareerraa argame nimul’isa.