Dandeettiin biyyoonni Idaa kaffaluuf qaban ilaalamee yeroon kaffaltii dheerachuufii qaba - ENA Afaan Oromoo
Dandeettiin biyyoonni Idaa kaffaluuf qaban ilaalamee yeroon kaffaltii dheerachuufii qaba

Onkoloolessa 15/2017 (TOI)- Dandeettiin biyyoonni Idaa kaffaluuf qaban ilaalamee yeroon kaffaltii dheerachuufii akka qabu de’eetaan ministira maallaqaa Dr. Iyyoob Takkaliny dubbatan.
Gareen jila Olaanaa Itiyoophiyaa walgahiiwwan dhaabbata maallaqaa idil addunyaa fi baankii addunyaa kan waggaarratti hirmaachaa jira.
Jilli kun hooggantoonni dhaabbata maallaqaa idil addunyaa fi baankii addunyaa akkasumas yaa’ii maree idaa birmadummaa giloobaal dura teessuun garee 20 kan yeroo Biraazil gaggeessanirratti hirmaateera.
Idaa dheeressuu ilaalchisee de’eetaan ministira maallaqaa Dr. Iyyoob Takkaaliny muuxannoo Itiyoophiyaa qoodaniiru.
Carraaqqiin biyyoonni Idaasaanii kaffaluuf taasisan ilaalamee yeroo kaffaltii idaa yeroodhaaf dafanii akka argatan gochuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Sgantaaleen dhaabbata maallaqaa idil addunyaa Boordiidhaan raggaafamee baatii jaha keessatti hojmaata yeroon kaffaltii idaa dheeressuun kan itti xumuramu kaa’uu dandeessisu yaada haaraa dhiheessaniiru.
Hirmaattonnis bu’a qabeessummaa idaa dheeressuu, tilmaamama fi barbaachisummaa gabatee yeroo irratti waliigalaniiru.