Sagantaan Maaddii Guutuu sirna nyaataa fooyyesuu fi dhiheesii gabaa tasgabaa'aa ta'e uumuuf ni dandeesisa. - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan Maaddii Guutuu sirna nyaataa fooyyesuu fi dhiheesii gabaa tasgabaa'aa ta'e uumuuf ni dandeesisa.
Onkoloolessa 13/2017(TOI) - Sagantaan Maaddii Guutuu sirna nyaataa fooyyesuu fi dhiheesii gabaa tasgabaa'aa ta'e uumuuf faayidaa guddaa kan qabu ta'uu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Insheetiiviwwaan yeroo dhihoo mootummaan qophaa'anii gara hojiitti galamee keessaa tokko sagantaa maaddii guutuuti.
Sagantaan kun seenaa oomishitummaa dadhaabaa ta'e kan Itoophiyaa keessa jiru jijjiruun wabii midhaan nyaataa mirkaneesuu fi guddina dinagdee ariifachiisuu kaayyeffatee gara hojiitti gale.
Kunis yeroo gabaabaa keessaatti bu'aa qabatamaa agarsiisaa jira.
Ministir deetaan Ministira Qonnaa doktar Fiqiruu Raggaasaa TOI'tti akka himanitti; Sagantaan Maaddii Guutuu sirna nyaataa lammilee fooyyesuun dhiheesii gabaa fooyyesuu fi fedhii uumuu keessaatti faayidaa guddaa buusaa jira.
Sagantaan kun waggaa lamaan dura magaalaa Arbaa Miincitti Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimadiin kan ifoome ta'uu himanii; oomishaalee beelladaa fi qabeenya qurxummii irratti jijjirama guddaa fiduu himaniiru.
Keessaayyuu sanyii beelladaa fooyyesuu, dhiheesii nyaata beelladaa, rabsaa gaagura ammayyaa, cuucii Qurxummii fi lukkuu karaa qindaa'een hojjechuun damicharratti jijjiramni qabatamaan akka argamu taasisuu himaniiru.
Akka fakkeenyaattis osoo sagantaan kun hin jalqabiin dura akka biyyaatti fooyyinsa sanyii beelladan saanii fi raaddeen kumni 500 diqaalomsfaman yoo ta'u bara darbe gara miliyoona 2.4 guddisuun danda'ameera jedhaniiru.
Kanaanis oomisha aannaanii liitiraa biliyoona 5.8 saawwan irraa argamuu gara liitira biliyoona 10 guddisuun akka danda'mees himaniiru.
Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultootaaf cuucii lukkuu uumamtee guyyaa tokkoo rabsuuf hojii hojjetameen oomisha lukkuu fooniif ooltuu fi oomisha buuphaa irratti jijjiramni guddaan argameera jedhaniiru.