Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Paartilee Siyaasaa 11 irratti murtii dhorkii dabarse - ENA Afaan Oromoo
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Paartilee Siyaasaa 11 irratti murtii dhorkii dabarse
Onkololeessa 12/2017 (TOI) - Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa yaa’ii waliigalaan, oodiitiin, miseensa dubartootaanii fi deeggarsa maallaqaa argamuun walqabatee Paartilee Siyaasaa 11 irratti yeroof murtii dhorkii dabarse.
Bardichi Mana maree Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa akka beeksisetti
Paartileen murtiin dhorkii irratti darbes kunneen,
1 - Sochii Bilisummaa Oromoo,
2 - Paartii Diimokiraatawaa Itoophiyaa Tokkoo,
3 - Dhaabbata Diimokiraatawaa Ummata Geede’oo,
4 - Dhaabataa Diimokiraatawaa Hararii,
5 - Paartii Sirna Gadaa Bilisummaa Oromoof,
6 - Sochii Biyyaalessaa Walaayittaa,
7 - Paartii Dhaloota Haaraa,
8 - Sochii Diimookiraataawaa Biyyaalessaa Gaambeellaa,
9 -Sochii Diimookiraatawaa Ummatoota Gaambeellaa,
10- Gamtaa Diimokiraatawaa Itoophiyaa fi
11- Paartii Diimookiraasii fi Haqaa Agawuu fa’aa ta’uu beeksiseera.
Murtiin dhorkii boordichaan darbee kun hanga boordichi murtiiwwan adda addaa dabarsutti paartileen kunneen sochii seera qabeessaa kamiyyuurraa dhorkamanii akka turan kan taasisu ta’uun ibsameera.
Dhorkiin darbee kunis hanga ka’utti paartileen eeraman yaa’ii Manni Maree Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa qopheessurratti argamuu, filachuu, filatamuu akkasumas miseensa koree ta’uun tajaajiluu akka hindandeenye beeksisuun, manni marichaas dhorkii ka’ame akka hojiirra oolchu hubachiiseera.