Hojiin qonnaa naannoo Beenii shaangul Gumuzitti qonna gannaarratti mul’ate misooma jallisiinis dabalamuu qaba-Obbo Ashaadlii Hasan - ENA Afaan Oromoo
Hojiin qonnaa naannoo Beenii shaangul Gumuzitti qonna gannaarratti mul’ate misooma jallisiinis dabalamuu qaba-Obbo Ashaadlii Hasan

Onkoloolessa 9/2017(TOI)- Hojiin qonnaa naannoo Beenii shaangul Gumuzitti qonna gannaarratti mul’ate misooma jallisiinis dabalamuu akka qabu bulchaan bulchiinsaa Ashaadlii Hasan dubbatan.
Waltajjiin sosochii misooma jallisii magaalaa Asoosaatti taa’ameera.
Wayituma kanatti bulchaan bulchiinsaa Ashaadlii Hasan akka ibsanitti, hojiin qonnaa yeroo gannaa naannichatti mul’ate misooma jallisiinis dabalamuu qaba jedhan.
Hojiileen misooma qonnaa gannaa kilaastaraan jalqabaman bu’a qabeessa ta’uusaanii ibsanii, qonnaan bulaan misooma jallisiis kilaastaraa misoomsuu jalqabuu qaba jedhaniiru.
Mootummaan naannichaa ijaarsa hidha jallisii xiqqaa fi jenereetara bishaan harkisu qonnaan bulaaf dhiheessuusaa eeraniiru.
Laggeen naannichatti argaman misoomatti jijjiiruun wabii nyaataa mirkaneessuun hojii dursaa ta’uu akka qabu obbo Ashaadliin eeraniiru.
Qonnaan bulaan misoomaa akka hojjetu hhooggansii fi ogeeyyonni qonnaa qindaa’anii hojiitti akka galan obbo Ashaadliin hubachiisaniiru.
Hoogganaan biiroo qonnaa naannichaa obbo Baabekir Haliifaa misooma jallisii bonee bara 2017tti oyiruu heektaara kuma 59 misoomsuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Qamadiin bonee lfa heektaara kuma 1 fi 60 irratti akka misoomu ibsanii, Qamadii, Ruuzii, shunkurtii fi midhaan biroo misoomsuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Bulchaa bulchiinsaa Ashaadlii Hasan dabalatee ittaanaan bulchaa Geetaachoo Abdiisaa, hoogganaan waajjira damee paartii badhaadhinaa naannichaa Isaaq Abdulqaadir, hooggantoonnii fi ogeeyyonni sektarichaa waltajjicharratti argamaniiru.