Waldaan Abukaatota Afrikaa seeraa fi dhimmoota kana waliin hidha qaban irratti mari'achuun muuxannoo waljijjiruun bu'aan isaa olaanaadha. - ENA Afaan Oromoo
Waldaan Abukaatota Afrikaa seeraa fi dhimmoota kana waliin hidha qaban irratti mari'achuun muuxannoo waljijjiruun bu'aan isaa olaanaadha.

Onkoloolessa 7/2017(TOI) - Waldaan Abukaatota Afrikaa seeraa fi dhimmoota kana waliin hidha qaban irratti mari'achuun muuxannoo waljijjiruun bu'aan isaa olaanaa ta'uu Ministirri Haqaa doktar Geediyoon Ximootewoos beeksisan.
Yaa'iin Waladaa Abukaatota Afrikaa 14ffaan onkoloolessa 6 hanga 9'tti turu magaalaa Finfinnee galma Gamtaa Afrikaatti geggeeffama jira.
Biyyoota Afrikaa adda addaarraa hoggantoonni waldaalee Abukaatotaa, dhaabbilee Abukaatota idil addunyaa adda addaa, bakka bu'oota Ejensii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa akkasuma kanneen biroon yaa'ii kanarratti hirmaachaa jiru.
Yaa'ii kanarratti Ministirri Haqaa doktar Geediyoon Ximootewoos haasaa kan taasisan yoo ta'u; Waldaan Abukaatota Afrikaa walga'uun mari'achuun fayidaa hedduu akka qabu himaniiru.
Biyyoota miseensoota ta'aniif, Gamtaa Afrikaa fi dhaabbilee ardichaa biroof deeggarsa ogummaa kennuun akkasuma muuxannoo isaanii qooduuf ni gargaara jedhaniiru.
Yaa'iin Finfinneetti geggeeffama jiru kun Abukaatonnii fi ogeeyyiin seeraa muuxannoo isaanii wal jijjiruuf waltajjii carraa gaarii uumudha jedhaniiru.
Pirezidaantiin Waldaa Abukaatota Afrikaa Kaarii Abduulbagooy hojiiwwaan bulchiinsa gaarii fi misoomaa ardichaa keessatti ogeeyyiin Seeraa gahee isaanii bahachaa jiru jedhaniiru.
Yaa'ii kanaan dhimmoota seeraa Afrikaa irratti kan mari'atamuu fi murteewwan fayida qabeessa ta'anii fi kallattiin gara fuula duraa kan ittiin kaa'amudha jedhameera.