Naannoo Somaaleetti hirmaattonni adeemsa ajandaa walitti qabuu ajandaasaanii gareedhaan qindeessaa jiru

Onkoloolessa 05/2017 (TOI)- Naannoo Somaaleetti hirmaattonni adeemsa ajandaa walitti qabuu ajandaa mrii biyyaalessaaf galtee ta’anii fi ajandaalee hawaasa bakka bu’an qabatanii dhufan gareedhaan qindeessaa jiru

Qindeessaan waltajjii ajandaa walittiqabuu naannoo Somaalee obbo Awwal Huseen akka jedhanitti, naannichatti jiddugaleessota Jigjigaa, Godee fi Doolloo Addootti adeemsi ajandaa walitti qabuu adeemsifamaa jira.

Kaleessa Onkoloolessa 4 bara 2017 irraa kaasee gareewwan maree hawaasaa 10tti adda bahuun hojii ajandaa walitti qabuu hojjechaa jiru.

Hirmaattonni hawaasaa jiddugaleessa Jigjigaa godina Faafen, Erer, Siitii, Doolloo fi Jerer  irraa aanaanee 27 irraa kan walitti dhufan kuma 1 ol mari’achaa fi ajandaasaanii qindeessaa jiru.

Jiddugaleessa Godeettis hirmaattonni kutaalee hawaasaa 650 godinoota sadii fi aanaalee gartokkee Afdeerirraa walumaa gala aanaalee 32  mari’achaa fi ajandaa qindeessaa jiru.

Kana malees jiddugaleessa Doolloo Addoo hirmaattonni hawaasaa godinaalee lamaa fi gartokkee aanaa Afdeer dabalatee aanaalee 17 irraa  bakka bu’an mari’achaa fi ajandaasaanii qindeessaa jiru.

Gareen marii kan gurmaa’e horiisee bultoota, dargaggoota, dubartoota, barsiisota, hojjettoota mootummaa, buqqaatotaa fi kutaalee hawaasaa garagaraarraayyu jedhan.

Mariin jiddugaleessa sadiitti jalqabame amma boru Onkoloolessa 6 bara 2017tti itti fufa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015