Hiikni alaabaa Itoophiyaanotaaf iciitii cimaa fi gatiin isaas waan guddaa ta'edha. - ENA Afaan Oromoo
Hiikni alaabaa Itoophiyaanotaaf iciitii cimaa fi gatiin isaas waan guddaa ta'edha.

Onkoloolessa 4/2017(TOI) - Hiikni alaabaa Itoophiyaanotaaf iciitii cimaa fi waan gatii guddaa qabu ta'uu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa beeksise.
Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Guyyaa Alaabaa Biyyaalessaa 17ffaaf sababeeffachuun ergaa baga geessanii dhaamera.
Ergaa isaa Itoophiyaanootaaaf Alaabaan hiikni inni qabu iciitii cimaa fi waan gatiin isaa guddaa ta'e akka ta’e ibseera .
Iciitiin milkaa’inaafi injifannoo lammiilee Itoophiyaan galmaa'anis kabajaa fi jaalala alaabaa waliin kan walqabatu ta’uus ibsera.
Alaabaan Itoophiyaa mallattoo bilisummaa Afrikaa ta'uu eerera.
Ergaan hawwii gaarii Tajaajila Komunikeeshinii Melgest ergame akka armaan gadiitti:
Guyyaan Alaabaa Itoophiyaa har'a yeroo 17ffaaf mata duree ''Alaabaa keenya tokkummaa biyyaaleessaa keenyaaf, birmadummaa fi guddummaa Itoophiyaaf'' jedhuun sadarkaa biyyaatti kabajamaa jiraachuu eerera.
Alaabaa fuuldura dhaabannee guyyaa kana yeroo kabajnu hiikaa fi kabaja isaa sirritti hubachuudhaan ta'uu akka qabu ergaa isaaniin hubachiiseera.
Alaabaan keenya asxaa waloo tokkummaa sabdaneesummaa keenyaa ta'uus eerera.
Alaabaan keenya mallattoo bilisummaa keenyaa, siidaa cimina keenyaa, asxaa injifannoo keenyaa, ibsituu birmadummaa keenyaa fi wabii tokkummaa sabdaneesummaa keenyaatis jedheera.
Hiikni alaabaa Itoophiyaanotaaf iciitii cimaa fi waan gatiin isaa guddaadha. Qabeenyi fi galaan Itoophiyaanoonni kutaalee addunyaa irra gahan hundaatti qabatanii deeman inni guddaan kabajaa fi jaalala alaabaa isaaniiti jedheera.
Icitiin milkii fi injifannoo Itoophiyaanootaa inni guddaniis kabajaa fi jaalala alaabaa waliin wal qabata. Alaabaan Itoophiyaa mallattoo bilisummaa Afrikaa ta'uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ergaa baga guyyaa Alaabaa Itoophiyaa keessatti dhaameen.
Kabajaa fi beekkamtiin alaabaa keenyaa kunuunfamee dhalootarraa dhalootatti akka darbu har'as borus Itoophiyaaf wareegama kaffaluuf qophiidha jedheera.
Gootichi Raayyaan Ittisa Biyyaa akka alaabaan hin sarbamnee fi birmadummaan biyyaa balaadhaaf hin saaxilamneef lafee isaa cabsee dhiiga isaa dirree waraanaa irratti dhangalaasuun kabaja alaabaatiif.
Kabajaa fi birmadummaa alaabaa keenyaa kan dhiigaa fi lafeen eegamee as gahe daran cimuun kan danda’amu damee hojii irratti bobbane irratti yoo hojjenne, birmadummaa wabii nyaataa keenya yoo mirkaneeffannefachuuf tattaaffanne, hannaa fi gocha malaammaltummaa miira jaalala biyyaatiin yoo irratti qabsoofne, nagaa keenya eeguuf kutannoo qabnu yeroo cimsanne, akkasumas yoo waldanda’uun jiraachuu dandeenyedha jedheera.
Uummannii fi biyyi nyaatan of hin dandeenye birmadummaan isaa karaa guutuu ta'een mirkanaa'eera jechuun hin danda'amu. Kun immoo kan mirknaa'uu danda'u hunduu damee irratti bobba'ee hojjeturratti cimee yoo hojjetedha jedheera.
Kanaafuu, guyyaa Alaabaa yeroo kabajnu, birmadummaa keenya cimsuu fi kabaja alaabaa keenyaa ol kaasuuf gama hundaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa keenya bahachuuf waadaa keenya haaromsuun ta’uu akka qabu eereera.
''Alaabaan keenya tokkummaa biyyaaleessa keenyaaf; birmadummaa fi guddummaa Itoophiyaa'