Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuun Afriikaarraa biyya lammaffaa taate

Onkoloolessa 1/2017(TOI)-Itiyoophiyaan bu’aa qonnarratti galmeessisaa jirurratti hundaa’uun Afriikaarraa biyya walabummaa nyaataa mirkaneessite kan lammaffaa taateetti.

Dhaabbanni Africa IOA(In on Africa) kan qorattoota, saayintistootaa fi ogeeyyota 300 ol qabu odeeffannoo baaseen tarkaanfiin sektara qonnaarratti galmaa’aa jiru Itiyoophiyaan Biyyoota nyaataan ofdanda’an keessaa Afriikaa Kibbaatti aansee sadarkaa lammaffaarra kaa’eera.

Dabalataanis Moorookoo, Aljeeriyaa, Naayijeeriyaa, Gaaboon, Riwaandaa, Gaanaa, Senegaalii fi Naamiibiyaan tartiibaan 3ffaarraa amma Kurnaffaa bahuusaanii odeeffannoo fuula marsariitiisaarratti baaseen beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015