Balaawwan kirkira lafaa kanaan dura Itiyoophiyaa keessatti mudatan balaa guddaa hingeessifne - ENA Afaan Oromoo
Balaawwan kirkira lafaa kanaan dura Itiyoophiyaa keessatti mudatan balaa guddaa hingeessifne

Fulbaana 29/2017(TOI)- Balaawwan kirkira lafaa kanaan dura sulula Itiyoophiyaa fi naannawasaatti mudatan balaa guddaa akka hingeessifne Inistiitiyuutiin ji’ooloojikaalii Itiyoophiyaa ibse.
Kirkirri lafaa, baqaquun lafaa dhohiinsi voolkaanoo,sunaamiin, lafti sigigaachuun fi kanneen biroo balaawwan addunyaa keessatti mudatanidha.
Kirkirri lafaa walitti bu’iinsa ykn walirraa adda bahuu dhakaa lafa keessaan yoo mudatu ulaa uumamuun sagaleen guddaan yoo seenu kan uumamu balaa uumamaati.
Kirkirri lafaa fi raafamni sababa Kanaan uumamu addunyaa addaddaatti qabeenya mancaasuun lubbuu namaa nidabarsa.
A.L.Atti bara 1960 keessa kirkirri lafaa Chiiliitti mudatee fi rekter Iskeeliidhaan 9 tuqaa 5 kan galmaa’e balaa isa olaanaadha.
Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii ji’ooloojiikaal Itiyoophiyaa Ijaaraa Tasfaayee TOItti akkahimanitti, Itiyoophiyaan Sulula keessatti wan argamtuuf yeroo addaddaatti kirkirri lafaa ishee mudateera.
Balaa guddaa geessisuu baatuyyuu bara 1900 kirkirri lafaa reekter Iskeelii 6 tuqaa 7, bara 1909 6 tuqaa 8 akkasumas bara 1961 6 tuqaa 5 galmeessise mudachuusaa yaadachiisaniiru.
Kirkira lafaa dabalatee balaawwan akkasii dheekkamsa ykn abaarsaan kan mudatan osoo hinta’iin lafti hojiishee uumamaa hojjechaa jirti jedhaniiru.
Itiyoophiyaan sulula keessatti waan argamtuuf balaawwan lafarraa mudachuun akka danda’an eeranii, ofeeggannoo gochuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Balaawwan akkasii yoom mudachuu akka danda’an beekuun hindanda’amu, akka dhaabbataatti odeeffannoo qindaa’aa kennuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Inistiitiyuutii Ji’ooloojikaal Itiyoophiyaatti hojii raawwachiiftuun qorannoo Ji’oofiiziiksii Gannat Asaffaa, kirkirri lafaa walitti bu’iinsaa fi walirraa adda bahuu dhakaan,Voolkaanoo, dhohiinsa keemikaalaa fi nuukileeraa akkasumas karaa namtolchee nimudata jedhaniiru.
Balaawwan kirkira lafaa Itiyoophiyaa keessatti mudatan Voolkaanoo fi walitti bu’iinsa dhakaan kan uumaman ta’uu ibsaniiru.
Balaan kirkira lafaa mudate bal’ina kiiloomeetira 10 irratti rekter Iskeelii 4 tuqaa 9 kan galmaa’e waan ta’eef miidhaan geessise xiqqaa ta’uu dubbataniiru.
Balaan Fantaalleerratti mudate Finfinnee, Dasee, Ciroo fi bakkeewwan birootti raafamni lafaa akka ture ibsaniiru.
Inistiitiyuutichatti qorataan olaanaa Ji’oofiiziksii Izraa Taaddasaa, balaan akkanaa wayita udatu hawaasni dursa tasgabbaa’uudhaan sochiiwwan balaaf saxilanirraa ofqusachuu qaba jedhaniiru.