Mootummaan Istaadiyeemiiwwan ulaagaa CAF fi FIFA'n kaa'ee akka guutaniif hojii hedduu hojjechaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Istaadiyeemiiwwan ulaagaa CAF fi FIFA'n kaa'ee akka guutaniif hojii hedduu hojjechaa jira.

Fulbaana 28/2017 (TOI) - Mootummaan istaadiyeemoonni ulaagaa CAF fi FIFA kaa'e akka guutan tattaaffii bal’aa taasisaa akka jiru Ministir deetaan ministira Aadaa fi Ispoortii ambaasaaddar Masfiin Charinatti beeksisan.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Yaa'ii Waliigalaa 16ffaa galma Gamtaa Afrikaatti gaggeessaa jira.
Yaa'ii kanarratti Ministir deetaan Ministira aadaa fi Ispoortii ambaasaaddar Masfiin Charinnat, Pireezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Isaayyaas Jirraa, miseensonni koree hojii raawwachiiftuu Federeeshiniichaa, hoggantoonni hojii Federeeshinii Kubbaa Miilaa naannolee fi miseensonni Yaa’ii Waliigalaa biroo argamaniiru.
Yaa'ii kanarratti ministir deetaan ministira aadaa fi ispoortii ambaasaaddar Masifin Charinnat mootummaan iddoowwan ispoortii misoomsuu fi babal’isuuf ciminaan hojjechaa akka jiru himaniiru.
Ta'us garuu istaadiyeemii dorgommii ardiilee fi idil-addunyaa keessummeessuu dhabuun ammas qormaata guddaa ispoortii damee kanaa ta'uu ibsaniiru.
Mootummaan federaalaa naannolee waliin ta’uun istaadiyeemoonni kunneen ulaagaa CAF fi FIFA akka guutanii xumuramanii guutummaan guutuutti hojiitti galan hojjechaa jira jedhaniiru.
Ambaasaaddar Masfin akka ibsanitti, istaadiyeemii Finfinnee fi istaadeemii biyyaalessaa Adee ababaa saffisaan hojii isaa xumuuun hojiitti galchuuf mootummaan hordoffii cimaa taasisaa jirachuus eeranru.
Qormaanni istaadiyeemii sadarkaa isaa eeggate hojjechuu rakkoo ture waan ta'eef hojiin kana saffisa barbaadamuun hojjetamuu akka hin dandeenye himaniiru.
Mootummaan barbaachisummaa dhimmichaa hubachuun istaadiyeemoonni sadarkaa isaanii akka guutanii hojjetamanii xumuraman xiyyeeffannoo addaa kennaa akka jiru ibsaniiru.
Rakkoo kubbaa miilaa Itoophiyaa haala ammayyaa ta’een hiikuuf tattaaffiin gaariin taasifamaa jiru cimee itti fufuu akka qabu hubachiisanii gama kanaan mootummaan deeggarsa barbaachisu akka taasisu ibsaniiru.
Milkaa'ina kubbaa miilaa Itoophiyaatiif hunduu ga'ee isaa ba'uu akka qabu hubachiisaniiru.