Tamsaasa Kallatti:

Diinagdeen Itoophiyaa damee guddina qeenxeerraa gara guddina diinagdee damee hedduutti ce'aa jira

Fulbaana 27/2017 (TOI) - Guddinni Diinagdee Itoophiyaa damee qeenxeerraa gara diinagdee damee hedduutti ce'aa jiraachuu Pirezidaantiin FDRI ambaasaaddar Taayyee Atsiqesillaasee beeksisan.

Sirni baniinsa bara hojii 4ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa 6ffaa fi Mana Maree Federeeshinii geggeeffama jira.

Pireezidaantiin FDRI Ambaasaaddar Taayyee Atsikqesillaaseen yaa'ii mana maree lamaaniirratti kallattii hojii mootummaan bara bajataa 2017 ilaalchisuun haasaa taasisaniiru.

Pireezidaantichi haasaa isaaniin diinagdeen Itoophiyaa seenaa keessatti jijjiirama haaraa irra jiraachuu ibsaniiru.

Diinagdeen Itoophiyaa gabaan kan durafamu taasisuun damee guddinaa qeenxeerra gara guddina dinagdee hedduutti akka ce'uu taasifamuu himaniiru.

Hojii kanaan fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee mirkaneessuuf bu’uurri kaa’amaa jira jedhaniiru..

Jijjiiramni diinagdee karoora misooma waggaa 10 keessatti oomishitummaa biyyaalessaa fi guddina diinagdee mijeessuu irratti xiyyeeffate raawwii gaarii galmeessisaa jiraachuus eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015