Ergaa baga geessanii Itti aanaa Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa‼ - ENA Afaan Oromoo
Ergaa baga geessanii Itti aanaa Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa‼

Ergaa baga geessanii Itti aanaa Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa‼
Baga Ayyaana Irreechaa barii birraa 2017 nagaan geessani/geenye!
Mallattoo nagaa, tokkummaafi hawwi gaarii barii birraa kan ta’e Irreechi, ayyaana guddaa sabni Oromoo waliin bahee uumaasaa itti galateeffatudha. Uumaa isa roobsee magarse, isa lolaafi cabbii gannaa keessa nagaan isa dabarsee booqaa birraa abdiin guutametti isa baase galateeffachuuf malkaatti bahee waliin irreeffata.
Birraan uumama hundaaf adda; eenyuufuuu waakkii hin qabu. Dacheen magariisa uffatee, faayaa habaaboowwaniitiin kuulamee yeroo itti ija qalbii namaa soorudha birraan. Birraan urgaan habaaboo yeroo itti foolii naannawa tolchudha. Horiin marga afaan guutee kan itti dheedudha; kanniisni ganna gaagura keessa beelarra ture kan itti bahee habaaboo filatee xuuxuudhaan dammeessuu eegaludha, simbirroowwan ganna riphanii sagalee dhokfatanii turan yeroo itti gadi bahanii asiifi achi kaatanii waliif weeddisanidha, yeroon birraa.
Weedduun kan simbirrrootaa qofa miti; dargaggoonniifi shamarranis yeroo itti weedduun wal barbaadanidha. Oromoonis waktii miidhagaafi abdiin uumama hundaa itti haarawu kanatti uumaa isa dukkana gannaa ofkolchee barii birraa waa hundaan badhaadhetti isa ceesiseef waliin beekamtii kenna; waliin galatas dhiyeessaafi.
Malkaatti bahee jiidha qabatee irreeffachuudhaan kabajaafi jaalala waliisaaf qabu, galateeffannaa uumaasaaf qabu ittiin mul’isa.
Ammas irra deeb’iuudhaan uummata Oromoo hundaan baga ayyaana Irreechaa bara 2017 nagaan geessanin jedha!
Fulbaana 24 Bara 2017
Finfinnee