Tamsaasa Kallatti:

Irreechi UNESCO'tti akka galmaa'uuf hojjetama jira

Fulbaana 24/2017(TOI) - Ayyaanni Irreechaa UNESCO'tti akka galmaa'u hojjetamaa jiraachuu Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa beeksise.

Foramiin Irreechaa 6ffaan Finfinnee Yaadannoo Adwaatti geggeeffama jira.

Waltajjiin kun ayyaana Irreecha boruu fi iftaan Hora Finfinnee fi Hora Arsadeetti kabajamu sababeeffachuun kan qophaa'edha.

Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, Itti Aantuu Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Loomii Badhoo, Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfineeaadde Adanech Abebee fi qondaaltonni mootummaa olaanoo biroo dabaltee keessummoonni hedduun argamnniiru.

Foramicharratti Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa aadde Jamilaa Simbiruu; Irreechi mallattoo galata, nagaa, dhiifama, tokkummaa fi obbolummaati jedhniiru.

Ayyaanichi duudhaa aadaa Oromoo kan calaqqisiisu ta’uus ibsaniiru.

Irreechi duudhaa sirna Gedaa keessaa tokko ta’ee UNESCOn galmaa’uu isaa yaadachiisuun, amma immoo Irreechi of danda’ee galmaa’uu akka danda’uuf odeeffannoon qophaa’aa akka jiru ibsaniiru.

Haaluma kanaan ayyaana Irreechaa Dhaabbaata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomaiitti galmeessuun Itoophiyaa bira darbee sadarkaa idil-addunyaatti beeksisuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

Gama biraatiin hojiin kabaja ayyaana Irreecha madda turizimii taasisuu fi akka galii biyyaaf argamsiisuuf hojjetamaa jiru gara fuulduraattis cimee itti fufa jedhan.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015