Tamsaasa Kallatti:

Hojii Misooma kooriidarii naannichatti eegalame ittifufsiisuuf tumsa qindaa’aa barbaachisa-Obbo Xilahun Kabbadaa

Fulbaana 19/2017(TOI)- Hojii Misooma kooriidarii naannoo kibba Itiyoophiyaatti eegalame ittifufsiisuuf tumsa qindaa’aa akka barbaachisu bulchaan bulchiinsa naannichaa Obbo Xilahun Kabbadaa ibsan.

Bulchaan bulchiinsichaa dhimmoota hojii misooma kooriidarii magaalota naannichatti argaman keessatti jalqabsiisuun danda’amanii fi qophii taasifamaa jirurratti magaalaa Arbaa Mincitti mari’atameera.

Magaalota jiraattotaaf mijataa fi fakkeenya badhaadhinaa gochuuf hojii misooma kooriidarii ciminaan ittifufsiisuun nibarbaachisa jedhan obbo Xilahun wayita kanatti.

Magaalaa fooyyofte dhalootaaf dabarsuuf hojii hojjetamaa jiruun hojiin mkooriidarii qooda guddaa akka qabu eeranii, kanaaf ammo kutannoo jiraattota magaalaa fi hooggansaa akka barbaachisu ibsaniiru.

Hooggantoonni olaanoo naannichaa fi qooda fudhattoonni hirmaachuusaanii odeeffannoon komunikeeshinii naannichaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015