Finfineetti bara baajataa kana lammiilee kuma 300'f carraa hojii uumuuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Finfineetti bara baajataa kana lammiilee kuma 300'f carraa hojii uumuuf hojjetamaa jira
Fulbaana 3/2017 (TOI) - Bulchiinsi magaalaa Finfinneetti bara baajataa kanatti lammiilee kuma 300'f carraa hojii uumuuf hojjechaa jiraachuu Waajjirri Hojii fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalichaa beeksise.
Sadarkaa hogganaa waajjiraatti itti gaafatamaan damee hojii fi wabii nyaataa obbo Asfaaw Laggasee TOI'tti akka himanitti; Hojii barbaaddonni magaalichaa keessa jiran carraa hojii akka argatan hojjetamaa jira.
Fakkeenyaaf Mootummaan dargaggoota gurmaa’aniif carraa hojii uumuuf, liqii mijeessuu irraa eegalee walitti hidhamiinsa gabaa, bakka hojii fi iddoo gurgurtaatti waan jiru mijeesuuf xiyyeeffannaa kennee hojjecha jira jedhaniiru.
Yeroo ammaa kana magaalaa Finfineetti intarpiraayizoonni kuma 34 fi 350 damee omishaa, konistiraakshinii, qonna magaalaa, daldalaa fi tajaajilaa irratti bobba’anii hojii bu’a qabeessa ta’e hojjecha jirachuu eeraniiru.
Intarpiraayizoonni Finfinnee keessatti argaman dargaggootaaf carraa hojii uumuu qofa osoo hin taane, misooma itti fufiinsa qabuu fi badhaadhina magaalichaa keessattis gahee olaanaa tbahachaa jirachuu ibsaniiru.
Bara baajataa xumurame kana lammiileen kuma 291 fi 577 carraa hojii argachuu eeruun bara bajataa kanatti lammiilee kuma 300 ta’aniif carraa hojii uumuuf karoorfamee hojjetama jira jedhaniiru.
Lammiileen carraan hojii uumamuf damee hojii irratti bobba'an irratti milkaa'oo fi bu’a qabeessa akka ta’aniif hojiin ijaarsa dandeetti, carraa hojii uumuu fi walitti hidhamiinsa gabaa kan uumuuf kan hojjetamu ta'uus ibsaniiru.
Hojii barbaaddonni leenjii ogummaa fudhatanii madaallii gahumsaa erga darbanii booda carraan hojii akka mijaa'u fi gara fuulduraattis cimee itti fufa jedhaniiru.
Like
Comment
Send
Share
