Tamsaasa Kallatti:

Mariin paanaalii guyyaa beekamuu idil addunyaa ilaallatu har’a nitaasifama

Fulbaana 3/2017(TOI)- Mariin paanaalii guyyaa beekamuu idil addunyaa bara 2024(International Identity Day)  ilaallatu har’a nitaasifama.

Mariin anga’oota olaanoo karaa Intarneetiin gaggeeffamu Kun fooyyessa sirna bulchiinsaa dijitaalaayzeeshinii irratti kan xiyyeeffate akka ta’e ibsameera.

Ministirri Innoveeshinii fi teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa, daarektarri olaanaa sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Yoodaahee Zemikaa’el fi gorsaan olaanaa baankii biyyaalessaa Jooteewarq Ayyalaa marii kanarratti haasawa nitaasisu.

Dura taa’aan muummee dhaabbata paan Afriikaa ‘Ayidii 4 Afriikaa maalummaa dijitaalaarratti hojjetuu Dr. Jooseef Atikaa, ogeessi dinagdee olaanaan baankii addunyaa Juuliyaa Kilaark fi dura taa’aan boordii daarektarootaa abbaa taayitaa mirkaneessaa fi galmee eenyummaa biyyaalessaa Yugaandaa Jooseef Biirboonwaa marii paanaalii kanarratti afeeramuun haasawa nitaasisu jedhameetu eegama.

Guyyaan beekamuu idil addunyaa A.L.A Fulbaana 16 waggaa waggaan kan kabajamu yoo ta’u guyyaan kun  faayidaa bu’uraa ibsituun eenummaa mirkanaa’ee qabuu fi hunda hammataa ta’uu akka qabu hubachiisuuf kan kaayyeffatedha.

Guyyaan ayyaanichi itti kabajamu guyyaan 16 kan filatame galma misooma egeree dhaabbata mootummoota gamtoomanii lakkoofsa 16 irratti kan ibsame mul’ata abbummaa eenyummaa waliin walsimsiisuufidha.

Galma kanarratti A.L.A bara 2030tti jiraataan addunyaa hundi galmee dhalootaa dabalatee eenyummaa seera qabeessaa akka argatu kaa’ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015