Bara bajataa 2017 adeemsawwaan fi hammattuwwan seeraa haaraan gara raawwiitti ni galfamu - ENA Afaan Oromoo
Bara bajataa 2017 adeemsawwaan fi hammattuwwan seeraa haaraan gara raawwiitti ni galfamu

Fulbaana 3/2017(TOI) - Bara bajataa 2017 adeemsawwaan fi hammattuwwan seeraa haaraan gara raawwiitti kan galfaman ta'uu Ministeerri Haqaa beeksise.
Ministeera Haqaatti ministir deetaan damee seera mootummaa fi tajaajila haqaa Balaayhun Yirgaa raawwii hojii bara 2016 fi kallatti xiyyeeffannoo karoora bara 2017 irratti ibsa kennaniiru.
Bara bajataa kana Imaammataa haqaa ce'umsaa hojiirra oolchuuf kan dandeesisaan hojiiwwan seerotaa fi sirna adeemsaa qopheesuu akkasuma raggaasisuu kan hojjetamu ta'uu ibsaniiru.
Hojii wixinee kuusaa tajaajila Faayinsaansii/financial service code/ xumuruu, Labsii tajaajila deeggarsa seeraa, dambii fi adeemsawwan qopheesuu fi raggasisuu raawwachuufis karoorfamuus ibsaniiru.
Qulqullina seeraa mirkaneessuuf hojiiwwan adda addaa kan hojjetaman ta’uu ibsuun sirna hojii waldaalee fi jaarmiyaalee adda addaa cimsuus kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Dhimmoota siviilii dhiibbaa biyyaalessaa qabaniifi manneen murtii biyyaalessaa fi idil-addunyaatiin hordofamaa jiran milkaa’inaan xumuruuf ciminaan akka hojjetanis hubachiisaniiru.
Akkasumas hojiiwwan seeraan ala nama daddabarsuu qabatamaan hir’isuu danda’an raawwachuu, eegumsa mirga namoomaa cimsuu fi hojiiwwan kanaan walqabatan biroon bara bajataa kana keessa kanneen xiyyeeffannoon kennameefidha jedhaniiru.
Hoggantoonni fi hojjettoonni ministeerichaa akkasumas qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu milkaa’ina karooraa kanaaf ciminaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Qaawwa sirna haqaa keessatti mul’atu guutuuf qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu ga’ee isaanii ba’uu akka qaban Ministir deetaan kun ibsuu isaaniin Odeeffannon Ministeera Haqaarra argame ni mul'isa.