Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baga bara haaraa 2017 geessan jechuun ergaa dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baga bara haaraa 2017 geessan jechuun ergaa dabarsan

Qaam’ee 5/2016 (TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baga bara haaraa 2017 geessan jechuun ergaa dabarsan.
Guutummaan ergaasaanii akka armaan gadiitti dhihaateera-
baga bara haaraa 2017 geessan
Barri carraadha. Baratti fayyadamuun garuu bu’aa hojiiti. Uumaan keenya hunda keenyaaf bara walqixa nuuf kenneera. Garaagarummaan kan uumamu baratti fayyadamuun hojjechuu fi hojjechuu dhiisuudha. Boqonnaawwan seenaa keenya keessatti itti boonnu jiru. Yeroowwan jireenya keenya keessatti nugammachiisan jiru.
Boqonnaawwanii fi yeroowwan kunneen waan biraa miti. Carraa baraa nuuf kennametti sirriitti fayyadamnee kan itt hojjennedha.
Barbaannus barbaaduu baannus barri nijijjiirama. Yeroon maashinii fuulduratti qofa deemu waan ta’eef. Eenyuyyuu isa hindhaabu, kallattiis hinjijjiirsisu. Waanti danda’amu yerootti fayyadamuu qofadha. “ Ganni qonnaan bulaa dhibaa’aaf balaa, qonnaan bulaa cimaaf araaradha” jedhama. Araarrii fi balaan roobarraa kan dhufu osoo hinta’iin qophii fi hojii qonnaan bulaarraa kan argamudha. Barri qonnaan bulaa dhibaa’aarratti itti jijjiirama, qonnaan bulaan cimaan garuu bara nijijjiira.
Bara 2016 Itiyoophiyaaf maal milkeessine? Bara 2017 hoo Itiyoophiyaaf maal qophoofneerra? Deebiin gaaffilee kanneenii hiikoo jijjiirama baraa nijijjiira. Barri nutti jijjiiramaa jiramoo bara jijjiiraa jirra? Kan jedhu nu agarsiisa. Barri Itiyoophiyaa jijjiiraa bara dheeraa jiraatteetti. Darbee darbee immoo ciminaa fi carraaqqiidhaan bara jijjiirtee beekti. Barri yoo nujijjiiru, akka dhagaa tabbarraa fottoqee, gara yaannetti osoo hinta’iin gara barbaadetti nugeessa.
Hawwiin koo barri 2017 kan nujijjiiru osoo hinta’iin kan nuti jijjiirru akka ta’udha. Barri 2017 bara Karoora keenya hojeessinee, pirojektoota keenya yeroo fi qulqullinaan xumurree, walitti bu’iinsa mariin furree, cabiinsa keenya bara dheeraa marii fi haqa cehumsaan suphinee, wantoota hedduun ofdandeenyee, riifoormota keenya gahumsaan milkeessinee jijjiirru akka ta’un hawwa.
Barri 2017 bara seenaa Itiyoophiyaa keessatti eeramu gochuuf haa qophoofnu. Idaawwan keenya bara dheeraa kan ofirraa buufnu, madaa keenya ture kan itti yaallu, abjuu keenya bara dheeraa bu’ura kan itti qabsiifnu, bara ‘marii fi maarshii’ konkolaataa seenaa ittiin to’annu gochuuf haakaanu.
Ijoolleen keenya fuuladura dhufan “seenaan kun kan hojjetame, waggaa bara 2017 kan hoojetamedha” akka jedhan haagoonu.
Uumaan haala ulfaataa keessa taanee hojiilee dinqisiisoo akka hojjennu nutaasise har’as nuwaliin jira. Borus nuwaliin jira. Hojjechuun kan keenya raawwachuun kan isaati. Yoo nuyi kaane bara akka jijjiirru inni nugargaara.
Baga bara haaraa 2017 geessan
Itiyoophiyaan ijoolleesheetiin kabajamtee bara baraan haajirraattu
Uumaan Itiyoophiyaa fi ummatashee haa eebbisu!
Qaam’ee 5 bara 2016