Waraana, weerara Koronaa, walitti bu’iinsa, hoomaa hawaannisaa, bu’aa bahii hidha haaromsaa ceeneerra-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Qaam’ee 1/2016(TOI)- Waraana, weerara Koronaa, walitti bu’iinsa, hoomaa hawaannisaa, bu’aa bahii hidha haaromsaa ceeneerra jechuun ibsan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Kan as geenye waan hedduu ceeneetu, billaan nutti hinfudhatamne, eeboon nutti hinmirmirfamne, kiyyoon nuuf hinkaa’amne, dabni nutti hindabamne, boolli nuuf hinqotamne hinturre, gargaarsa uumaa keenyaan hunda cehaa jirra jedhan fuula marsariitiisaaniitii.

Waraana, weerara Koronaa, walitti bu’iinsa, hoomaa hawaannisaa, bu’aa bahii hidha haaromsaa ceeneerra kan jedhan ministirri muummee kanneen biroos cehaa jirra jedhaniiru.

Nuhi warra cehudha. Kan nuceesisus kan hincabnedha. Gamatti hin hafnu. Jidduuttis hinkufnu. Injifannoon akka ceenu sshomaa hinshakkinu jechuun ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015