Ayyaana hundeeffama waggaa 47ffaa Ajaja bahaa sababeeffachuun naannoo Somaaleetti 'Anfii Tiyaatir' jiddugala leenjii waraanaa Garbaasaatti ijaarame eebbifame - ENA Afaan Oromoo
Ayyaana hundeeffama waggaa 47ffaa Ajaja bahaa sababeeffachuun naannoo Somaaleetti 'Anfii Tiyaatir' jiddugala leenjii waraanaa Garbaasaatti ijaarame eebbifame

Hagayya 30/2016 (TOI) - Ayyaana hundeeffama waggaa 47ffaa Ajaja bahaa Raayyaa Ittisa Biyyaa sababeeffachuun naannoo Somaaleetti Tiyaatirri Anfii jiddugala leenjii waraanaa Garbaasaatti ijaarame eebbifame.
Anfii Titaatirii kanas Itaamajoor shuumii waliigalaa raayyaa Ittisa biyyaa Fildi marshaal Biraanuu Juulaa fi Pirezidaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad eebbisaniiru.
Sirna eebbaa kanarratti itti aanaa itamajoorshumii waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa jeneraal Ababaaw Taaddasee, ajajoonni Iizichaa, qondaaltonnii waraanaa, hoggantoonni mootummaa naannichaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.