Oromiyaatti gurmaa'insi caasaa bulchiinsa gandaa fi aanaa hojiirra oolaa jiru ummanni tajaajila si'ataa fi gahumsa qabu dhiyeenyatti akka argatu taasisa. - ENA Afaan Oromoo
Oromiyaatti gurmaa'insi caasaa bulchiinsa gandaa fi aanaa hojiirra oolaa jiru ummanni tajaajila si'ataa fi gahumsa qabu dhiyeenyatti akka argatu taasisa.

Hagayya 29/2016 (TOI) - Naannoo Oromiyaatti gurmaa'insi bulchiinsa gandaa fi aanaa hojiirra oolaa jiru ummanni tajaajila mijataa fi gahumsa qabu dhiyeenyatti akka argatu kan taasisu ta'uu
Waajjirri Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa beeksise.
Naannoo Oromiyaatti caaseffamni bulchiinsa haaraa gandaa fi aanaa hojii irra oolfamuu eegalameera.
Kana ilaalchisuun itti gaafatamaan wajjira Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa obbo Kaffaalow Tafarraa har'a miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniinis caaseffamni bulchiinsaa haaraan kun kenniinsa tajaajilaa fooyyessuu, nagaa buusuu fi rakkoolee bulchiinsa gaarii jiru itti dhiyeenyaan furuuf kan tajaajiludha jedhaniiru.
Naannichatti caasaan gandaa erga jalqaba bara 1967 gurmaa’ee kun murtee guddaa mootummaa fi ummata walitti dhiheessuudha jedhaniiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaa fi paartichi caasaa aanaa fi gandaa naannichaa fooyyessuudhaan sirna kenniinsa tajaajilaa mijataa fi dhaqqabamaa taasisuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru
Karaa caasaa bulchiinsaa kanaan kenniinsi tajaajilaa gahumsaa fi mijataa ta’e ni kennama jedhaniiru.
Rakkoon uummataas qorannoo fi beekumsaan akka furamu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.
Ummanni misooma irraa fayyadamoo akka ta’uuf caasaan kun iddoo guddaa akka qabuu fi dhimmoonni rakkoo bulchiinsa gaarii marii ummata hirmaachisuun deebii argachuu akka danda’an ibsaniiru.
Hojiirra oolmaan caaseffama kanaa nagaa fi tasgabbii fiduuf carraa guddaa akka qabus hubachiisaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa paartii fayyadamummaa ummataa wal qixa mirkaneessuuf hojjataa jiru ta’uu ibsaniiru.
Bulchiinsa gaarii ilaalchisee gaaffii ummataa deebisuuf hojjechaa akka jirus eeraniiru.